Mootummaan naannoo Oromiyaa waggoottan darban keessatti aadaa,afaan,seenaafi aartii uummata Oromoo dagaagsuufi guddisuuf,hojiiwwan gurguddaa baayi’ee hojjetee jira.Kanneen keessaa Afaan Oromoo afaan hojii mootummaa naannoofi barnootaa akka ta’u godheera.Afaan Oromoo afaan Saayinsii,tekinooloojii,hogbarruufi artii ta’uun akka dagaagu,baldhinaan irratti hojjetameera.
Kana malees dagaagina aadaa Oromoo mirkaneessuu keessatti ga’ee mataa’saatii kan qabu giddu-galli aadaa Oromoo, magaalaa guddaa Oromiyaa kan taate handhuura Finfinnee irratti ijaaramuun’saa, tarkaanfii guddaadha.Barreessitooti Oromoo kitaabota isaanii keessatti eebbisiisu, Fiilmiin Afaan Oromoo keessatti muldhata.Walumaa galatti Oromooti dhimma guddinaafi dagaagina aadaa,afaan,Ogbarruufi artii Oromoo walga’anii kan keessatti mariyatan ta’uudhaan tajaajila guddaa kennuu jalqabeera.
Kabajamtoota dubbistoota keenyaa ! dhimma hojii,kaayyoofi ergama giddu-gala aadaa Oromoo akka nuu ibsaniif rippoorterri keenya Masqaluu Baalchaa Obbo Abdii Xahaa Daayirektera giddu-gala aadaa Oromoofi Obbo Daani’eel Dheeressaa Giddu-gala Aadaa Oromoo keessatti hogganaa kutaa hojii qorannoofi qo’annoo hambaawwan aadaa haasofsiiseera.
Siifsiin:- Kaayyoo Ijaarsa giddu-gala Aadaa,Oromoo osoo nuu ibsitan.
Ob.Xahaa Abdii:- Kaayyoon isaa;
-
Hojii qorannoofi qo’annoo gama Aadaa,Afaan,Seenaa,Artii Oromoo babaldhisuudhaan, rakkoolee yeroo dheeraa furuun,bu’aa’saa irratti hojjechuun dagaagina ariifachiisaa galmeessisuu
-
Giddu-galeessichi dhaloota haaraaf bakka galma argannoo beekumsaa,bakka Oromiyaan baldhoo keessatti daawwatamu,akkasumas bakka dagaagina teeknooloojii guddina Afaaniifi Artii Oromoo ta’uudhaan jijjiirama guddina hawaasaaf akka gumaachu gochuudha.
-
Finfinneen handhuura Oromiyaa ta’uu’sheen walqabatee,uummanni Oromoo faayidaa gama guddina aadaatiin magaalattii’rraa argattu mirkaneessuun,aadaa’saa akka keessatti dagaagfatu gochuudha.
-
Giddu-galeessicha,bakka gahumsa Tuuriistii gochuudhaan, faayidaa gama diingdeen,naannoon Oromiyaa argatu daran cimsuufidha.
Siifsiin:-Barbaachisummaa Giddugaleessa Aadaa osoo nuu ibsitan
Giddu-galeessi Aadaa Oromoo Finfinnee kun, seenaa biyyoolessaa keessatti,iddoo olaanaa qaba.
Hanga ammaatti sadarkaa biyyaalessaattis ta’e naannoolee biroo keessatti,dagaagina aadaa,seenaa,artiifi hambaalee uummataa dagaagsuuf hojiin haala ijaarsa giddu-gala kanaan sadarkaa kanaan kan hojjetame hin jiru.Kanaaf giddu-galli kun uummata Oromootiif gama guddina afaan,seenaa artii,walumaagalatti guddina aadaa Oromoof,barbaachisummaan’saa fi faayidaan inni kennu akka salphaatti waan madaalamu miti.
Siifsin:-Giddu galli aadaa Oromoo kun iddoo kana irratti akka ijaaramuuf akkamitti filatamee?
Ob.Daani’eel Dheeressaa:-Iddoo kana irratti waggoota 120 dura sirni aadaa Oromoo irratti adeemsifamaa ture.Fakkeenyaaf sirna Irreechaa,dirree namoota wal lolan irratti araarsaniifi ganda Masqalee guyyaatee jedhamee beekamu ture.
Siifsiin:- Ulaagaan giddu gala aadaa kana iddoo kanatti dhaabuuf itti filatame maal turee?
Ob.Daani’eel:- Iddoo Oromoon sirna aadaa’saa irratti kabajataa ture waan ta’eef, seenaa sana yaadachuufidha.
Siifsiin:- Faayidaa Gama Hawaasummaatiin qabu hoo maal fakkaataa?
Ob. Abdii :- Uummati Oromoo sirna gita bittaa dabre keessatti mirga sabummaafi namoomaa dhabee,aadaan’saa awwaalamee ture.Aadaafi afaan’saa magaalotaa alatti,ganda baadiyyaa keessatti akka murtaa’uufi,teeknolojii ammayyaa’rraa fagaatee akka qancaru(quucaru) godhamaa ture.
Amma garuu,giddu-galeessi kun aadaa Oromoo magaalaa keessatti guddisuudhaan,uummanni Oromoo fayyadamaa guddina adduunyaan gama hundaanuu galmeessisaa jiru keessatti hirmaataa akka ta’uufi teknooloojiitiin fayyadamaa akka ta’u gochuudhaan, afaan’saa afaan teekinooloojii ta’uun hawaasni Oromoo fayyadamaa akka ta’u godha jedhamee yaadama.
Siifsiin :- Faayidaan gama diinagdeen qabuhoo maal fakkaataa?
Ob. Abdii:- Giddu-galeessi aadaa kun,galii agarsiisa aadaa,(Golaambaafi Tiyaatira) akkasumas galmoota walga’ii adda addaa of keessatti qabatee jiru’rraa argamu cinatti,akka bakka hawwataa tuuristii ta’uudhaan,tajaajiluun tuuristota dhimma daawwannaafis ta’e qorannoof fedhii qaban,gara biyya keenyaatti harkisuudhaan galii argamsiisa.
Kana malees dargaggoota Oromoo akka fedhiifi dandeetti’saaniitiin leenjii ogummaa artii kennamuun fayyadamanii,galii ofii akka uuman gargaaruudhaan hojii dhabummaa naannoo keenya’rraa hirdhisuudhaan,gahee guddaa gumaacha jedhamee eegama.
Siifsiin:- Tajaajilawwan giddu-galli kun kennu osoo nuu ibsitanii
Ob.Abdii:-Tokko tokko kaasuuf:
-
Tajaajila qorannoofi qo’annoo kennuu,
-
Tajaajila daawwannaa golambaa,
-
Tajaajila leenjiiwwan gummaa Artii.
-
Galma waltajjiiwwan mariifi yaa’ii kan keessatti gaggeeffamu.
-
Feestiivaalota qopheessuu,
-
Agarsiisa artii (fiilmii,tiyaatira,diraamaa) kan keessatti gaggeeffamu.
-
Agarsiisa muuziqaafi konsertii kan itti geggeeffamu,
-
Gaalarii,egzibiishinii dhaabbiifi yeroo akkasumas baazaarii
-
Tajaajila dubbisaafiagarsiisa kitaabotaafi maxxansaalee adda adda ,
-
Qophii barreeffamaa kan keessatti raawwatamu,
-
Walitti hidhamiinsa gabaa Imx.industirii aadaa irratti gurm’an kan keessatti raawwatamu,
-
Dhaabbilee adda addaa waliin walitti hidhamanis hojii kan keessatti uumamu fkn.dhaabbiilee barnootaa,dhaabbilee qorannoofi qo’annoo kkf.
Siifsiin:-Gamoowwan Giddugaleessa kana keessatti ijaaraman maal fa’ii?
Ob.Abdi:- Giddu-galeessi Aadaa Oromoo magaalaa Finfinnee keessatti ijaarame kun tajaajila dagaagina aadaa Oromoo bifa garaa garaatiin akka kennutti ta’ee kan ijaarame yoo ta’u,gamoon kun bilookiwwan gurguddoo tajaajila dagaagina,aadaaf oolan,kudhaniifi kutaalee tajaajila xixiqqaaf ta’an heddu ofkeessaatti qaba.Isaanis:
-
Golahambaa Oromiyaa
-
Bilookii guddaa giddu-galeessa aadaa kana keessa fuulleen mul’atuufi darbii afur kan dheeratu,gamoo golahambaati.Gamoon kun tajaajila inni kennu keessaa;hambaalee aadaa,seenaa,uumamaa,arki’olojiifi calaqqeewwan eenyummaa uumata Oromoo kan qabudha.Kana malees hambaaleefi calaqqeewwan aadaa kan keessatti agarsiifamu qofa osoo hintaane Itiyoophiyaa keessattis haalli jireenya hawaasaa,keessattuu kan sabaaf sablammootaa maal akka fakkaatu walitti hidhamani jiranis maal akka fakkaatu kan nama hubachiisudha.
-
Wiirtuu Odeeffannoo,Arkaayiviifi Mana Ketaabotaa:-
-
Gamoon wiirtuu Odeeffannoo,Arkaayiviifi manni kitaabotaa kun abbaa darbii lamaa ta’ee,iddoo kitaabota,barreeffamoota qorannoofi barruulee adda addaa akkasumas tajaajila odeeffannoo interneetiifi IT. uummataaf kennuufi tajaajila dubbisa kitaabaa kennuuf kan gargaarudha.
-
Wiirtuun gamoo kana keessatti argamu kunis odeeffannoon haala siyaasaa, hawaasaafi naannoo keenya bifa bifa qindaa’aafi ammayyaa’een tajaajilamtoota bira akka gahuufi qorannoofi qo’annoo adda addaatiif kan tajaajilan,arkaayivoonni,adda addaa kan itti kunuunfamanidha.
-
Wiirtuu Qorannoo Afaan,Seenaafi Artii Oromoo
-
Weertuun kun Bilookii abbaa darbii sadii dhimma kanaaf ijaarame keessatti kan argamu yoo ta’u,bilookiin kun Qorannoo Afaanfi Seenaa Oromootiif kan oolan kutaa laaboraatoriifi dokumenteeshinii kan of keessatti qabudha.
-
Wiirtuun kun qorannoowwan beekumsaa (academic) aadaa, duudhaa, afaan, artii, seenaa Oromoo’rratti xiyyeeffatee kan hojjetuufi qorannoowwan kunis dhimmoota gurguddoo rakkoowwan yeroo dheeraa furuu danda’an,kan akka dhimmoota hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa, imaamattoota mootummaa kkf.irratti xiyyeeffachuun, kan hojjetuufi kallattii kaa’uu kan danda’udha.
4 .Galma Tiyaatiraa,Muuziqaa,Fiilmiifi walga’ii:-
-
Galma waltajjii ibsaafi meeshaalee ammayyaatiin gurmaa’een hojjetame kun,gamoo abbaa darbii tokkoo keessatti kan argamu yoo ta’u,qabiyyee sagantaalee galma giddu-galaa kana keessaa isa tokkodha.Kunis agarsiisa muuziqaa,tiyaatiraafi fiilmiin adda addaa uummataaf kan keessatti dhiyaatu,akkasumas walga’ii,(“conference”) adda addaa,keessummeessuu kan danda’udha.Galmi kunis namoota 800 galma gidduutti,akkasumas namoota 200 darbii tokkooffaatti (“VIP stage”) walumatti namoota 1000 ni keessummeessa.
-
Dabalataanis galma agarsiisa artii xixiqqaafi agarsiisa gurguddaa uummataaf osoo hindhiyaatin dura iddoo ogeessotaan itti gamagamamu kan teessoo nama 400 qabachuu danda’u keessatti argamudha.
5. Galma Leenjiifi shaakala Artii:-
-
Galmi leenjii kun bilookii abbaa darbii tokkoo yoo ta’u,hojiiwan dandeettiifi ogummaa artiistotaa cimsuuf leenjiiwwan gaggabaabaa kan keessatti kennamu,akkasumas sirboota aadaa Oromoo,uummata keessaa qorannoodhaan walitti qabaman’rratti artiistota dandeettii qabaniifi akkasumas amaatarootaafi dargaggoota fedhii artii qabaniif bakka itti leenjii kennamudha.
6. Ulaawwan Gaalaariifi Egzibiishinii:-
-
Giddu-galeessi Aadaa Oromoo galmootaafi ulaawwan agarsiisa dhaabbiifi kan yeroo itti muldhatan ni qaba. (“Galleries and Exhibition Centers”)
7 .Mana nyaataafi Dhugaatii Aadaafi Ammayyaa:-
-
Bilookiin kun G+1 ta’ee namoota 150 yeroo tokkotti keessummeessuu kan danda’u yoo ta’u mana nyaataafi dhugaatii qaba.Kana keessatti nyaanniifi dhugaatiin aadaafi ammayyaa’aa namoota tajaajilamaniif kan dhiyeessu qaba.
8. Ijaarsotni miidhaginaafi aadaa Uummata Oromoo calaqisan:-
Iddoon ijaarsa giddu-galeessichaa,fakkiiwwanifi bocawwan aadaa Oromoo agarsiisaniifi baazaariin,akkasumas egzibiishiniin adda addaa kan itti gaggeeffamanidha.Dabalataanis manneetii gurgurtaa meeshaaleefi uffannaa aadaa kan of keessatti qabateefi walakkaa gamoo giddu-galeessichaatti iddoon banaa,(“Court yard”) kan jiru yoo ta’u, iddoon kunis iddoo kuufamaafi fincaa’aa bishaanii bifa lakkoofsa saddeetiin,ijaaramedha.Kunis irra deddeebii aangoo sirna gadaa Oromoo kan agarsiisudha.
-
Ijaarsota tajaajila bu’uraa kennan:-
-
Manaa kuusaa bishaanii,(“reservoir”)
-
Mana jenereetera ibsaa
-
Manneetii waardiyyaa sadii
-
Ijaarsa fincaa’aa bishaanii fuullee gamoo kanatti kan argamu (“fawunteenii bishaanii”)
-
Iddoo konkolaattoti 400 ta’an irra dhaabbatan (“car park”)
-
Daanndiiwwan kobilistoonii keessa keessaa sadarkaasaa eeggate.
-
Daandii qaama miidhamtooti alaa kaasee kutaalee hunda geessuu danda’ufi liiftii lama.
-
Bakka magariisaa baldhina qabu.
-
Dallaa “RHS”jedhamuufi dhagaafi sibiilaan hojjetame qaba.
Egaa haala armaan olitti ibsameen giddu galli aadaa Oromoo kun uummataaf tajaajila kennaa jira.
-
Bocawwan umriifi meeshaa faaya uummata Oromoo agarsiisan
-
Mooraa giddu-gala kana keessatti gamoo guddicha marsanii kan argaman godinaalee Oromiyaa hunda keessatti uffannaafi meeshaalee faaya aadaa qabatanii umriifi korniyaan kan itti muldhatan suuraa Abbootii Gadaafi Haadha gadaa,akkasumas dargaggeessa dhiiraafi shamarree kan agarsiisu cirrachaafi sibiilaan kan hojjetamanidha.
Siifsiin:- Obbo Abdii utuu marii keenya hin xummuuri yaadi dhumarratti kaastan jiraa?
Ob.Abdii:- Akka walii galaatti giddu galli aadaa Oromoo kun hawaasa Oromoo gama dagaagina aadaa,seenaafi afaan isaaf kan inni gumaachu akkuma jirutti ta’ee hawaasni magaalaa Finfinneefi naannooleen gara biraas qophiilee (sagantaalee) garaa garaaf itti tajaajilamaa jiru.
Gama birootiinis handhuura Oromiyaa kan taate magaalaa Finfinnee’rratti kan argamu ta’uun’saa tuuristota biyya keessaafi alaa’rraa dhufaniif bakka bashannanaa, daawwannaa,qo’annoofi qorannoo ta’uun,sadarkaa naannoo bira taree, akka biyyaalessaatti bu’aa hangana hinjedhamne akka inni gumaachu kan wal nama gaafachiisu miti.
Kanaaf guddina aadaa keenya ariifachiisuun hawaasa keenya daran fayyadamaa haataasifnu !giddu-gala keenyas waliin haa dagaagsinu!
Obbo Abdii Xhaa Daayireketer giddu-gala aadaa Oromoofi obbo Daani’eel Dheeressaa itti gaafatamaa kutaa qorannoofi qo’annoo hambaawwan aadaa, ibsa nuu kennaniif maqaa dubbistoota Siifsiiniin baayi’ee isin galateeffanna.Horaa bulaa ! Deebanaa!
Barreeffamni kun Gulaalaa Siifsiiniifi BATO gidduutti kan geggeeffameedha.