Hin dubbadhu hin jedhu nan dubbadha
jamaa Abjuunuu himatan hiikisaa argama.
Kanas fakkaatanii jiraachuun waan gaarii
Har’a yoo fakkaates, miidhaa qaba bori.
Dhuma isaatu du’a, du’a fokkisaadha
Lamaan keessaa tokko filachuun gaariidha.
Yookiin sana ta’uu yookiin isa kana
Malee ifni sobaa, booddeensaa dukkana.
Waa lama fakkaachuu of keessaa balleessi!
Filannoo tolfadhuu yaada kee sirreessi!