Daa’imaan dandeetti dubbisuu fi barreessuu isaanii dagaagfachuu (gabbifachuu) kan qaban, osoo mana baruumsa idilee (kutaa 1ffaa) hin galle dura osoo ta’ee filatamaa dha. daa’imman dandeetti dubbisuu fi barreessuu isaanii dagaagfachuu irratti, carraaqiin isaan maxxansaa fi kitaabota garagaraa dubbisuudhaan muuxannoon argatan, milkaa’ina fuul- duree isaaniitiif baay’ee murteessaa dha.
Sababni isaas, daa’imman kunniin yeroo wantoota dubbisuu fi barressuu shaakalan, haala dubbii, namuusa dhaggeeffachuu, boca, sagalee fi tartiiba qubeelee waan sirriitti barataniif barnoota isaanii sadarkaa itti aanuuf bu’uura ta’a. Daa’imaaan ida’uu, hir’isuu, baay’isuu fi hiruu osoo hin baratin dura, yaad- rimeewwaan lakkoofsotaa, maalummaa herreegaa fi akkataa qayyabannoo sasalphaa irraa gara isa wal- xaxaatti cehuun danda’amu irratti hubannoo gahaa argatu. Kun immoo barumsa isaanii sadarkaa 1ffaa fi isaa olitii dorgomaa fi gahuumsa qabeessa akka ta’an isaan gargaara.
Daa’imaan barnoota idilee ogummaa herrega qayyabachuun shaakalan dandeettiiwwaan herreegaa barnoota idilee dura baratamuu qaban kanneen akka haalawwan itti lakkoofsota qooduun danda’amu, maalummaa lakkofsota bu’uuraa, lakkoofsota lakkaa’uu, ji’oomeetiriiwwaan sasalphaa kan akka bocaa fi piroobileemota garagaraa furuu shaakalu.
Haata’u malee, deeggarsi daa’imman barnoota idilee dura ogummaa qayyabannaa bu’uura herreguu, dandeetti dubbisuu fi barreessuu isaanii dagaagfachuuf tattaaffiin godhan laafaa dha. Yeroo ammaa kannatti daa’imman miliyoon 250tti tilmaamaman erga baruumsa isaaniitiin kutaa 4ffaa gahanii booda barreessuu fi dubbisuu shaakalaa jiru. Rakkoowwaan armaan olitti ibsaman kana furuuf Dhaabbatni Baraarsa daa’immani (Save the Children) karoora isaa kan bara 2012-2018 A.L.A.tti turu baafate keessatti daa’imman osoo mana baruumsa idilee hin galin dandeettii qayyabannaa, dubbisuu fi barreessuu isaanii akka fooyyeffatan gochuuf xiyyeeffannoon hojjetaa jira. Dhabbatni Baraarsa Daa’immanii iddoo baruumsa mijataa uumuun daa’imman yaaddoo nageenyaa fi fayyaa tokko malee tasgabbiin baruumsa isaanii akka hordofan gochaa jira. Akkasumas, Dhaabbanni Baraarsa Daa’immanii tooftaalee baruu fi barsiisuu irratti bu’aa barbaadamu fiduun danda’an hojiirra oolchuudhaan daa’imman barnoota fi jireenya isaaniitiin milkaa’oo akka ta’an tooftaalee (maloota) gargaraa bocuudhaan hojiirra oolchaa jira.
Barnoota idileen duraa fi Qayyabannaa herregaa: Barnootni mana baruumsaa idileen duraa fi shaakalliin qayyabannaan herreegaa, sagantaa Dhaabbata Baraarsa daa’immaniitiin qophaa’ee, akka addunyaatti hojiirra oolaarra kan jiru yoo ta’u, kaayyoon isaas dagaagina barnoota idileen duraa fi shaakallii qayyabannaa herreegaa daa’immanii gargaaruuf kan xiyyeeffatee dha. Keessumattuu daa’imaan osoo mana barumsaa idilee hin galiin, kitaabolee fi meeshaalee deeggarsaa shaakalliidhaaf barbaachisan hin argatan. Walumaa galatti, kaayyoon sagantaa kanaa qabxilee gurguddoo armaan gadii kan of keessatti hammateedha.
Qajeelfamoota Ijoo: Dandeetti, hubannaa fi ofitti amantaa maatii cimsuudhaann, maatiin daa’imman isaanii osoo gara mana baruumsaatti hin ergin dura, manatti haala dubbisuu, barreessuu fi qayyabachuu akka barsiisan gochuu. Maatii barattootaatiif kitaabotni garagaraa gatii salphaadhaan akka isaanii dhiyaatu gochuu,Akkasumas carraa dubbisuu salphaadhumatti akka argatan gochuu, Kunis, maatiin akkamitti mana dubbisa kitaabaa socho’aatti fayyadamuudhaan seenaa mataa isaanii barreessuu akka danda’an hubachiisuu dhaan.Qulqullinaa fi dhiyeessa sagantaa barnoota idileen duraa foyyeessuun keessumattuu daa’imman saaxilamoo (Vurnerable) ta’an qophaa’ummaa, dandeettii fi gahuumsa isaanii akka gabbifatan gochuu.
Manneen baruumsa idilee utuu hin galin duraa, meeshaalee barbaachisoo ta’an guutuudhaan daa’imman bifa taphaan, sirbaan, faaruun, gochaa fi kanneen biroo bashannansiisaa ta’aniin fayyadamanii barsiisuun, dandeettii isaanii akka fooyyeffatan deggeeruudhaan manneen barnootaa idilee keessatti akka milkaa’an haala mijeessuu.
Hariiroo manabarnootaa idileen duraa fi erga manneen barnoota idilee galan gidduu jiru cimsuudhaan sirna barnootaa daa’immaniif mijatu daa’imaann sadarkaa barnootaa adda addaa irratti argamaniif haala mijataa uumuudhaan akka gahooman gochuu.