Mammaaksa

Oromoon walga’ii irrattis haata’u nama tokkoo wajjin haasaa haasa’u irratti, aadaafi naamusa gaarii qaba. Utuu ijoo dubbii kaasuuf jedhu hin ibsin dura,kaayyoon dubbiisaa,salphaafi sirriitti hundaaf akka galuuf dubbiisaa mammaaksaan jalqaba.”Mammaakan waa himan akkifatan waa tufani” jedhama mitiiree? Egaa yaada hundee ta’e kanarraa kaanee yeroo tajaajilasaa madaallu, tajaajila guddaa qaba. Waan kana ta’eef adaan keenya gaarii ta’e kana dhalooti haaraa baruu qaba. Akkuma abbootii keenyarraa fudhanne dhalootaa gara dhalootaatti akka dabruu Oromoon hundi itti gaafatama qaba.

—Mana  ormaa  bareedaarra godoo ofii wayya.

—Biyya  abbaakooti jette injiraan moluu irratti hafte.

—”Akkana jedhaa! “ jette indaaqqoon balbalaaf gadi jettee.

—Kolfeen du’a jette Sareen mana foonii seentee.

—Bagan kufee bagan ka’e, Kan billaan natti kaatuu fi kan coqorsaan natti kaatus bagan arge jette dullattiin sa’aa.

—Qeerransa bokkaan dhaane,Indaaqoon Iyyaa seeti, Sareen Adala seeti.

—Mucaa boo’uuf jedhu jabbiin miillarra ejjete.

—Abbaan of hin argu dhagaan of hin darbu.

—Hamma beekan mana eegan jette jaartiin

—Bishaan akka hin cabne waan beekuuf dhagaarra utaala.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s