Harmee,! warri ollaa keenyaa maaliif boo’uu?” jettee, Caaltuun haadha ishee gaafatte. Haati Caaltuu-Aadde Guddattuunis, “ Waan gaddaniif ta’uu danda’a “ jettee Caaltuuf deebiste. Haati Caaltuus, daa’ima ollaa ishee duute awwaalanii akka dhufan ilmoo ishee Caaltuutti himuu hin barbaadne.

Yeroo abbaan manaa ishee sirna awwaalcharraa gara mana isaniitti galanis, Guddattuun yaada ishee dhiphise kana  irratti abbaa manaa ishee waliin mari’achuu barbaadan. ”Daa’imman ollaa keenyaa marti hanga yoomiitti dhibee garaa kaasaatiin du’an kun na yaaddessa jira. Furmaatni ariifachiisaan yoo itti hin laatamne, daa’imman keenya akka nu jalaa hin galaafannen yaadda’a “ jettee abbaa mana isheetti himte.

Gaaffii kana fakkaatu  qabduu ?

Daa’imman hedduun dhalatanii osoo waggaa shan hin guutin du’aa jiru. Hedduun keenya miseensa maatii ykn daa’imman ollaa sadarkaa daa’imummaatti du’aan of-cinaa dhabaa jirra. Kanneen keessaa hedduun isaanii dhibee garaa kaasaatiin hubamanii yeroo gabaabaa keessatti du’aaf saaxilamu.

Diina ija namaan mul’achuu hin dandeenye tokkotu, daa’imman keenya akka dhibeen qabamaniif, dhibichaanis akka du’an gochaa jira. Maqaan isaaniis,’Jarmii(bineensota hedduu xixiqqoo ijaan kan hin argamne)’ yoo jedhaman, xinneenya isaaniirraa kan ka’e ija namaatti hin muul’atan.Egaa jarmoota kunniintu  daa’ima keenyaa fi nurrattti dhibee garaa kaasaa fidaa jiru.

Erga jarmooti ija namaatti hin muul’annee kunniin, akka miidhaa nurraan hin geenye akkamitti ofirraa ittisuun danda’amaree ? Saayintistootni/Qorattootni/ mala tokko baasaniiru. Mala isaan baasan kanaan sirriitti yoo itti fayyadamne jarmootni kunniin akka nu hin qabne ofirraa ittisuun ni danda’ama. Uummatni mala salphaa kanaan sirriitti  hordofanii hojiirra oolchinaan; dhibee garaa kaasaa kana hir’isuun ni danda’u.Akkasumas da’imman du’a irraa bararuun ni danda’ama.

Tooftaaleen  armaan gadiitti adda bahanis baay’ee salphoo fi gatii salphaadhaan kan raawwatamuu danda’aniidha. Tooftaaleen kunniinis kan armaan gadiiti.

Tooftaale e ittiin dhibee fi dhibee garaa kaasaa daa’imman irraa ittisuun danda’amu keessaa:
Yeroo hundaa harka keessan saamunaan sirriitti dhiqadhaa.

Keessumattuu, harka keessan haala armaan gadiitti dhiqadhaa.

Mana Fincaanii booda:

Daa’immaan keessan erga dhiqxanii qolqulleessitan  booda, Nyaata kamiiyyuu utuu hin tuqxanii duraa ykn utuu nyaachuu hin jalqabin, harka keessan sirriitti saamunaa fi bishaaniin dhiqachuu qabdu.

Qajeelfamoota arman olitti caqafaman guutumaan guututti hojiirra yoo oolchitan fayyumma mataa keessanii fi daa’imman keessanii egdan jechuu dha.

Kabajamtoota dubbistoota keenyaa! “Fayyaan keessan harka keessan jira.”

Akkamitti jechuun kessan hin oolu. Deebii kanaa fi kanneen biroo maxxansa barruu kanaa jildii 9ffaa irratti  qabannee dhiyaanna.

Qulqullina Naannoo Jireenyaa Madaalamaa Karaa Mana Fincaanii Arboor Lootiin Itoophiyaatti Beeksisu, Dhaabbata Tajaajila Gargaarsaa Kaatolikii.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s