Adduunyaa kana irratti biyyooti garaa garaa aadaafi dudhaa garaa garaa qabu.Yeroo haasa’an akkuma mammaaksa aadaa Oromoo dubbii isaanii keessatti jechi ibsan jira.Mammaaksa keenyaa wajjin walfakkaata.Mee jechoota biyyoota garaa garaa keessatti dubbatamu kan obbo Goolee Dabbus nuu ergan kanaa ilaalaa.
—Kadhataan filataa ta’uu hin danda’u.
—Hiriyaan dhugaa hiriyaa gaafa rakkooti
—Namni mana daawwitii keessa taa’u dhagaa namatti darbachuu hin qabu.
—Hanga yaaltee argitutti beekuukee hin beektu.
—Yeroo kofaltu adduunyaatu siduukaa kolfa. Yeroo boossu garuu qofaakee boossa.
—Utaaluukee dura hubadhu.
—Namni hin balleessine nama hojii hin hojjennedha.
—Seera uumamaa irraa kan hafe biyya lafaa irraa kan hin jijjiiramne hin jiru.
—Kan dagalee tokko nama hin gargaarre manakee jabeessii ijaarradhu namaan jedha.
—Beekaa jechuun nama wallaalummaasaa beekudha.
—Baayi’ee dubbachuurra baayi’ee dhaggeeffachuun bu’aa qaba.
—Guyyaa tokko odeessuurra sa’atii tokko hojjechuutu faayidaa qaba.
—Of jaallattuun of hin beektu.
—Furtuun warqeerraa hojjetame waan hundaa bana. (Jecha Amaaraa)
—Sareen mana ishee biratti dutti (Jecha Oromoo)
—Nama tokko eenyummaa isaa beekuu yoo barbaadde galfata itti kennii ilaali (jecha Yuugozlaaviyaa)
—Yoo hiriyaakee natti agarsiifte eenyummaakeen sitti hima (jecha Xaaliyaanii)
—Sareen halaalaan iyyitu nama hin ciniintu (Jecha Jarmanootaa)
—Adurreen Adurreedha kan jedhamtu hantuuta qabachuu irratti dandeettii qabduunidha. (Jecha Chaayinotaa)
—Ol kaattus gadi kaattus duuti allaattii lafuma (Jecha Oromoo)
—Mirgaan yaabbattus bitaan yaabbattus walga’iin kooraadhuma. (Jecha Oromoo)