Baayoogaaziin madda anniisaa haaromsamuu danda’uu yoo tau, innis faayidaalee garagaraatiif ooluun jireenya keenya nuuf fooyyessa; baasii keenyas nuuf qusata. Baayoogaaziin kan uumamu yeroo wantootni orgaanikii ta’an tortoran ykn addaan burkutaa’ aniidha. Tortoraan, oomisha Baayoogaazii wantoota naannoo keenyatti laayyootti argamanidha. Garuu yeroo hedduu waan faayidaa guddaarra oolan nutti hin fakkaatani. Kanneen akka kosii, Dhangala’aa garaa garaa, Dhoqqee loonii, fincaanii fi bobbaatii namaa fi loonii, hafteewwaan oomisha midhaanii fi biqiltootaa irraa salphaadhumatti qopheessuun ni danda’ama.
Baayoogaazii tooftaa fi baasii salphaadhaan oomishanii tajaajila hedduuf oolfachuun abshaalummaadha. Tajaajila Baayoogaazii irraa argannu keessaa muraasni kan armaan gadiiti.
—Nyaata bilcheessuu fi hoo’isuuf
—Bishaan danfisuu
—Humna Elektirisiitii maddisiisuuf fakkeenyaaf Ampuuliitti faayyadamnee ibsaa elecctirikaa ibsachuuf,
—Akka naaftaa geejjibaatti itti fayyadamuuf Baayoogaaziin filannoo gaariidha.
Oomishni Baayoogaazii naannoo kan hin faallee fi mijataa si’a ta’u keessumattuu jireenya uummata baadiyyaa warra ibsaa electrikii hin qabne fooyyessuu keessatti filannoo dorgomaa hin qabeedha.
Haala itti faayadama cilee fi qoraanii waliin wal bira qabnee yoo ilaalles, Baayoogaaziitti fayyadamuun dhamaatii hedduu hir’suu bira darbee yeroo namaas ni qusata.
Meeshaalee teeknologii anniisaa si’eessan kanneen akka sirna maayikiroo—Chp fi danfistuu waliin yoo fayyadamne anniisaa dabalataan nuuf qusachuu dandila.
Biyyoota Awurooppaa keessatti oomisha baayoogaaziitiif deeggarsi maallaqaa adda ni taasifoma.
Haata’u malee, baadiyyaa keessatti tortoraa wantoota orgaanikaafi beeyiledoota irraa heddumminaan salphumatti waan naannoo keenyatti argannuuf, yeroo hedduu waan tajaajila adda addaatirra ooluu danda’an nutti hin fakkaatu. Haala kanaan wantoota kanneen irra baayoogaazii oomishuu dandeenyaan uummati keenya baadiyyaa keessa jiraatu carraa diinagdee qonnaafi bosonaa babal’isuun (guddisuun) uummata baadiyyaa yerro gabaabaa keessatti hiyyummaa jalaa baasuu danda’a. Haala kanaan warshaaleen baayoogaazii deeggarsa maallaqaa tokko malee bu’a-ga’eessa ta’u. Galiin dabalataas wantoota xuraawoo tajaajia irra oolan irra deebi’anii fayyadamuu fi oomisha xaa’oo irraa ni argama.