Akkaataa itti Lukkuu Sooran!

Barreeffama keenya dabre keessatti dhimmoota rakkoo fayyaa lukkuutiin wal- qabatan irratti mari’achuun keenya ni yaadatama. Barreeffama keenya har’aa kana keessatti immoo haala itti lukkuu sooruun danda’amu isiniif ibsina.

Lukkuuwwan akkuma dhala namaa sirna bullaa’insa nyaataa salphaa kan qaban yoo ta’an, sooratawwan kanneen akka midhaan dheedhii fi foon sooratu. Sooratni isaaniis qabiyyeewwan nyaataa garagaraa kan of- keessatti qaban yoo ta’u dagaagina baallee (kochoo), oomisha hanqaaquu (buuphaa) fi fayyummaa lukkuuttiif baay’ee gargaara.Qabiyeewwaan nyaata lukkuu gurgurddoo horsiisa lukkuuf gargaaran jaha.Isaaniis: pirootiinii, kaarboohaayidireetii, faatii, viitaaminii, albuudotaa fi bishaan.

Pirootiinii:- Horsiisa lukkuu keessatti pirootiiniin guddina qaamaaf,seeliwwaan dulloomaan haaromsuuf,oomishaa hanqaaquufi baallee isaantiif fayyada. Nyaatawwaan burqaa pirootiinaa ta’an kannen akka foonii, qurxummii, zayita.

Kaarboohaayidireetii:- Nyaatawwan kaarboohaayidireetii madda anniisaa fi hoo’inaa qaamni lukkuuf gargaara.Karboohaayidireetiin nyaatawwaan kanneen akka qamadii garbuu, boqqoolloo, ajjaa fi misingaa irraa argama.

Faatii:- Faatiin madda anniisaati. Qabiyyeen isaa; coomaa fi zayitaa of keessaa qaba.

Vitaamina:- Nyaatni vitaaminaa qaama lukkuutiif kan barbaachisu, adeemsa keemikaalaa qaama lukkuu keessatti raawwatuuf baay’ee barbaachisoo dha. Fakkeenyaaf, Viitaaminiin “A” guddina qaamaatiif yoo barbaachisu, Viitaminiin “D” immoo dhibee laamshessaa (riikeetii) ittisuuf gargaara.

Albuudota:- Albuudotni muraasi kan qaama isaaniif barbaachisa ta’an Kaalsiyeemii fi Foosforasii yoo ta’an, isaaniis dagaagina lafee qaama isaaniitiif gargaaru.

Bishaan:- Bishaan akaakuu nyaataa sadarkaa ol’aanaan qaama isaaniif barbaachisan keessaa isa tokko yoo ta’u, adeemsota keemikaalaa qaama isaanii keessatti gaggeeffamu hundaaf ni gargaara.Akaakuuwwaan nyaataa armaan olitti ibsame kunniin hunda erga qopheessinee booda xixinneessinee caccabsuun (hororuun) walitti maknee yeroo hundaa lukkuuf dhiyeessuu qabna.

Haala nyaata lukkuu itti walitti makan

Jalqaba gosootni nyaata lukkuuf qophaa’an hundi erga madaalaman booda horooramuu (caccabsamuu) qabu.

Qabiyyeewwaan nyaata pirootiinaa kanneen akka foonii, akkasumas viitaaminii fi albuudotni garaagaraa walitti makamuu qabu.

Haalli walitti makuu sooratawwan lukkuu kun maashinoota walitti maktuu, maashinoota simintoo (cirracha) walitti makaniin fayyadamuun ykn lafarratti akaafaadhaan waliin makuun ni danda’amu.

Erga sooratni hundi sirriitti waliin makamaniin booddee osoo hin turin lukkuuwwaniif laachuun gaarii dha.

One thought on “Akkaataa itti Lukkuu Sooran!

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s