Namni sadarkaa jireenyaa adda addaa keessa akka darbu nama hundumaaf ifaadha. Yeroo sadarkaa jireenyaa kana keessa darbus ilaalcha inni ittiin wantoota isa quunnaman ilaalu, ilaalcha adda addaa ta’a jedheen yaada. Kana malees  ilaalcha  isaanii keessatti mul’ata ittiin  waa ilaalanii adda baafatan namootni hin qabnes baayi’een jiru. Kanaaf yeroo hedduu namootni akka kanaa ni ilaalu malee arguu hin danda’an. Namni immoo hamma fageessee ilaalu jiraata. Kanaaf barreessaan adunyaa irrattui baay’ee beekamaa ta’e “ Dr.Myles munroe” jedhaman gaafa waa’ee mul’ataa barreessan “ namni hiyyeessi adunyaa kanarraa nama mul’ata hin qabnedha” ittiin jedha. Kanas jechuunis nama fageessee ilaaluu hin dandeenye jechuu isaaniiti. Kanaaf anis baacoo xiqqoo tokkoon ergaa gabaabduu isinii dabarsuun barbaada. Kanaaf dubbisaatii irra waa hubadhaa jedheen isin afeera.   

Bara tokko abbaa warraa, haadha warraa fi  haadha abbaa warraatu mana tokko keessa jiraatu turan. Haati warraa baay’ee bareedduudha. Haati abbaa warraa (amaatiin intalaa) immoo baay’ee dulloomanii ilkaan irra hin jiru. Irraa dhumeera. Osoma kanaan jiranii guyyaa tokko abbaan warraa gabaa bahee daawwitii (of ilaalii) bitate gale. Haati isaas ta’e haati warraasaa daawitii arganii hin beekan turan.

Abbaan warraas ganama ganama yeroo hundumaa daawwitii kanaan of ilaalee siree jala dhoksee deema. Osuma kanaan jiranuu guyyaa tokko haati warra yeroo inni ofilaalee siree jala dhoksee ba’u ilaaltee “ abbaan warraakoo kun maaluma na dhoksaa?” jechuudhaan daawwitii siree jalaa fuutee gaafa ilaaltu intala baay’ee bareeddu tokko achi keessatti argite. Kana booda  aariidhaan fiigdee dhaqxee  amaatii isheetti “ilmi keessan ani maaliif fuula natti jijjiirraten se’aa ture, edaa inni intala kana kunoo as keessa kaawwatee gidduu kana natti kooraa” jechuun jaartiitti yeroo agarsiistu, jaartiinimmoo fuudhanii yeroo ilaalan, jaartii ilkaan irraa dhumee ijaan ilaaluun nama jibbisiistu argan.

Kanumaan dinqifatanii “maaltaate intalakoo si’i ishee akkas bareedduu dhiisee jaartii kana fuudhuufii  Ilmikoo?”  jedhanii deebisaniif.  Garuu lamaan isaaniiyyuu ofuma ilaalan.

Haa ta’uyyuu malee hammi hubannaa isaanii, hamma argaa isaaniiti. Kanaaf firootakoo gaabaabadhumatti kan isin ilaalaa jirtan maalii? maaltu isinitti mul’ata laata? Keessumatti dargaggoonni bara har’aa maal ilaalaa jirra? kan ilaalaa jirru kana adda baafanneerraa? Erga adda baafannees kan ilaalaa jirru hordofaa hin jirru yoo ta’e ilaalchi keenya dadhabaadha jechuudha.

Kanaafuu jireenya keenyaaf wanti murteessaan kan ta’u ilaaluu, kan ilaalan adda baafachuu fi kan argaa jiran sanammoo hordofuudha. Akki nuyi itti ilaallu, akka nuyi itti jiraannuuf murteessaadha.Jecha gara biraadhaan Ilaalchi keenya jireenya keenyaaf murteessaadha.

Abdataa Gulummaa

E-mail: abdiiguu@gmail.com

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s