Bulchiinsi qorannoo baldheensa waaqaa Ameerikaa (NASA) kan hundeeffame ALA. Jul/ado/.bara 1958dha.Kan hundeesses mootummaa Ameerikaa yoo ta’u,qajeelfama Pirezidaantii USA tibba sanaa Daawwit Esinaawere jedhamaniinidha.
Wiirtuun qorannoo kanaa Waashingiton si’a ta’u,wiirtuwwan xixiqqaa kudhan ta’an’mmoo Kutaalee Ameerikaa garaa garaa keessatti argamu.Wiirtuu qorannaa baldheensa waaqaa kana keessa hojjettoota 17,345 ol ta’an kan jiran si’a ta’u, akka ragaan ALA bara 2016 ba’e ibsutti baajetisaa kan waggaa doolaarii USA biliyoonii 19.3dha.
Kaayyoon jalqabaa wiirtuu qorannoo kanaa,qabeenya baldheensa waaqaa tajaajila loltummaarra, tajaajila nageenyaaf oolshuuf ture.NASA utuu hin hundeeffamin dura,dhaabbati NACA jedhamu ALA,bara 1915_1958tti. qorannoo baayi’ee godhee,NASA.tti kenneera.Hundeeffama NASA booda qorannoon baldheensa waaqaa baayi’een kan godhaman si’a ta’u,isaan kunniin keessaa dhaabbati qorannaa “Apoloo Moon Landing” jedhamu adda durummaadhaan tokkodha. Xiyyeeffannaa guddaan NASA. Baldheensa waaqaa’rra ta’uudhaan ardii lafaa sirriitti qorachuuf si’a ta’u,baldheensa waaqaa keessatti kan argaman,Pilaaneetotiifi uumamni gara biraa jiran,bifa kamiin jireenya egeree ilmaan namaaf tajaajila kennuu akka danda’an haala mijeessuufidha.
NASA dhaabbiilee faalama qilleensaa baldheensa Waaqaa qoratanii wajjinis odeeffannoo wal-jijjiiru.Hojjiiwwan qorannoo NASA ciminaan kan jalqaban, keessumaa Ruusiyaan ALA.ji’a Onko.(Oct.) 1957 Saatalaayitiin (furguggeen) baldheensa waaqaa nam-tolchee Isputiniik (Sputnik) jedhamtu guyyoota 92f baldheensa Waaqaa keessa kan turte si’a ta’u,ulfinni ishee walumaa galatti kiiloo giraamii 83.60, dheerinni ishee’mmoo saantii meetirii 58 ture.Ergamuun saatalaayitii kanaa Ruusiyaafi Ameerikaa gidduutti waldorgommii kan jalqabsiise si’a ta’u,keessumaa tibba sana lola qabbanaa’aa (“cold war’) jedhamee kan beekamu,waliin morkii biyyoota lamaanii itti caalchisee ture.
ALA.Jan,4/ 1958 Saatalaayitiin Ruusiyaa Isputinik jedhamtu kun sa’atii tokko keessatti kiiloomeetirii kuma 29 baldheensa waaqaa keessa furguggisamaa,utuu balaliituu waaqa’rratti gubattee caccabaan’shee lafarratti kukkufeera. Haata’ullee malee Ameerikaan utuu abdii hinkutatin furguggee baldheensa waaqaa Appooloo jedhamtuun yaallii baayi’ee erga gochaa turte booda ALA ji’a Ado. (Jul) 11 bara 1969 ji’arra qubachuu dandeesseetti.
Gareen furguggee Appooloo kun kan hogganame Niil Armistirong (Nile Armstrong ) jedhamuun ture.Amna Appooloo kana uummati adduunyaa miliyoonii kuma 534 ta’an,tamsaasa televiziyoonii kallattiin darbaa tureen daawwataniiru.Niil Armstroongis biyyoo ji’arra jiru hammaaree,bifa ardii ji’aa suuraa baayi’ee kaasee, nagaadhaan gara lafaatti deebi’aniiru.Amna gara ji’aa kana’rratti Armstrong faa ji’arra qubachuuf guyyaa saddeet,sa’atii 14,daqiiqaa 12fi sekoondii 30 itti fudhate.
Miseensoti dhaabbata qorannoo baldheensa Waaqaa (NASA) Armstrong dura ALA.Ji’a Mar.(bito.) 1966 irraa jalqabee,ji’arra qubachuuf furguggee Jiminii jedhamtuun yaallii jalqabaa kan godhan yoo ta’ellee,rakkoo teekniikaan amni gara sanaatti godhame waan hin milkoofneef gara lafaatti deebi’aniiru.
Gareen Armstroong erga ji’arra qubatee deebi’ee booda,NASA’ n hamma ALA 1972tti yaallii milkaa’e shan godheera.Hamma fedhellee yaalliin milkaa’aa baayi’ee yoo godhaman’llee, wiirtuu qorannoo baldheensa waaqaa NASA irratti seenaan gaddisiisaa muldhataniiru.Mee tokko tokko haa ilaallu.
-
ALA. jia Jan (Ama.) 28 bara 1986,furguggeen baldheensa waaqaa Chaaleenjer jedhamtu,erga gara waaqaatti furguggisamtee sekondii 72 booda hujummoon boba’aa dabarsu waan urateef,dhootee saayintiistoti NASA torba ta’an hundi dhumaniiru.
-
Seenaan gaddisiisaa gara biraa ga’e’mmoo,ALA.ji’a Gurra.(Feb.) bara 2003 furguggeen baldheensa waaqaa Kolombiyaa jedhamtu,ergama’shee sirriitti raawwattee lafarra qubachuuf daqiiqaan 15 yeroo isheef hafu, kuftee caccabuudhaan saayintiistoti 7 dhumaniiru.
Seenaa saayintiistota dhiiraa Baldheensa waaqaa tokko tokkommoo mee isin haaddubbisiisnu.
-
Niil Armistiroong:- Lammii USA yoota’u,ALA.ji’a Haga.(Aug).bara 1930 dhalatee, ji’a Haga.(Agu.)25 bara 2012 umrii waggaa 82tti boqote.Armistiroong ogummaansaa miseensa humna waraana galaanaafi Paayiletiis si’a ta’u,sadarkaadhaanis ajejaa dhibbaa ture. Namni kun,furguggee Appooloo 11 jedhamttu balaliisee baldheensa waaqaa keessa, sa’atii 8,daqiiqaa 12fi sekondii 30 tureera.
-
Yuurii Gaagaarii Alekisiyeeviichi jedhama.Lammii Ruusiyaadha.ALA.bara 1934 dhalatee bara 1968 umrii waggaa 34tti dargaggummaadhaan du’e.Ogummaadhaan humna qilleensaa Ruusiyaa keessatti Paayiletii si’a ta’u sadarkaa Kolneelummaa’rra ture.Yuurii Gaagaaarii Niil Armistiroong dura nama ji’arra qubatedha.ALA.bara 1961 yeroo gara ji’aatti balali’e,baldheensa waaqaa keessa sa’atii 1fi daqiiqaa 48 qofa ture.ALA.bara 1968 jeettii humna qilleensaa Ruusiyaa miig 15 jedhamtu,balalii’uu utuu shaakaluu,balaa tasa isarra ga’een du’e.
Seenaa saayintiistota Dubartoota Baldheensa waaqaa tokko tokko immoo mee isin haadubbisiisnu.
-
Vaaleentiinaa Tereshkoovaa:- Lammii Ruusiyaa yoo taatu,saayintiistii dubartii baldheensa waaqaa jalqabaati.Kan dhalatte,ALA.bara 1937 yoo ta’u,ammallee lubbuudhaan jirti.Tibba Olompikii gannaa ALA 2014 garee Olompikii Ruusiyaa hiriira irratti alaabaa biyyashee qabattee hiriira kan hogganuudhaan adduunyaa’rratti beekamtii’shee mirkaneesiteetti.
-
Baldheensa waaqaa keessas guyyaa lamaa,sa’atii 23fi daqiiqaa 12 kan turte yoo ta’u,ogummaadhaanis humna waraana qilleensaa Rusiyaa keessatti Paayileetii kan turte si’a taatu sadarkaa Meejer Jeneraalummaa qabdi turte.
-
Saalii Riidee(Sally Ride) :- ALA.ji’a Ca.(May.)1951 dhalattee, Ado.(Jul.) 23 bara 2012 boqotte.Saalii,Saayintiistii dubartii jalqabaa Ameerikaa turte. Barumsa’sheetiinis Fiiziiksiidhaan digirii doktorummaa kan fudhatte dubartii cimtuu turte.Saalii baldheensa waaqaa keessa guyyoota 14 sa’atii 7f daqiiqaa 46 turteetti.Gara baldheensa waaqaatti kan balaliites ALA.bara 1983dha.
NASA keessatti injineera beekamaa Lammii Itoophiyaa kan ta’e Qixaawu Ijjiguu’mmoo meee xinnoo waa isin dubbisiisna.
ALA.ji’a Gur.(feb) 25 bara 1948 dhalatee dadhabbii onneetiin ji’a Ama.(JA.) 13 2006 kan du’e, saayintiistii lammii Itoophiyaa baldheensa waaqaa ANAS ture. Dr.Injineer Qixaawu kutaa biyya Kaafaa magaalaa Boongaa keessatti dhalate. Inistitiyuutii Poolii teekniikii Baahirdaar durii irraa ogummaa Mekaanikaal Injinerummaadhaan dippiloomaadhaan, Yuniversitii, Jaappaanii Herooshimaa jedhamu irraa, Injinerummaa Awuto motiiviidhaan digirii lammaffaa, Yuniversitii Ameerikaa Noorz Tiroon jedhamu irraa immoo Injinerummaa furguggee baldheensa waaqaatiin digirii doktorummaa fudhateera.
Dr.Injiner Qixaawu Ijjiguu, NASA keessatti qaxaramee, Saayintisttii injinera baldheensa waaqaa ta’ee tajaajila kennaa kan ture ta’uu isaa irrayyuu, Saayintiistota baldheensa waaqaa NASA, baay’ee wajjin waliin hojjeteera. Gara siyaasaattis deebi’ee adda tokkummaa gootota Itiyoophiyaas hundeesseera.