Aadaa Oromoo keessaa ijoollee hurursuun aadaa gaarii qabnu keessaa tokkodha.Huruursuun Sossobuu ykn Afaan Ingiliziitiin “lull”kan jedhamu waliin caalaa wal gitu danda’a. “Hush” inni jedhamu kun “usi”ykn “callisi” kan nuti jennu waliin wal gita. Ingilizootis ijoollee haala nuti sossobnuun ykn huruursinuun huruursu waan ta’eef dhimma kana irratti aadaa walfakkaatu qabna jechuu dandeenya.Aadaan keenya kun utuu hin badin,utuu hin jajallatiniifi utuu hin irraanfatamin dhalootaa gara dhalootaatti dabruu qaba waan ta’eef Obbo Zalaalem Abarraa biyyaa fagoo irraa kana yaaduudhaan aadaa bareedaa kana nuu erganiiru.Maqaa dubbistootaan baay’ee isaan galateeffanna.
Akka isaan nuu erganitti kanaa gaditti dhiyeessineerra.
Uruuruu yaa mucaakoo
Sinbinne yaa sinbinnee
Saani mooraa sinbinnee
Calleen golaa sinbinnee
Gaara toletu si fide
Gaara toleef haa tolu
Waaqa keenyaaf haakennu
Aannanii boossu dhugi
Qabeen qammana hin qabu
Qoraaseen sii na qeera;
Hirribaa jettu rafi
Itilleen huba hin qabu
Haxaayee sii afeera.
Mucaako maaltu dhaanee?
Qananiitu dhaane malee
Kooratu boossia malee
Kooraa haboowuu lakkisi
Qananii hinlakkisini
Xinnayyoon hammaa qubaa
Urgaan damma qumbii tii
Mi’aan damma soogiddaati
Uruuruu yaa mucaakkoo…!
Mucaa koo xinnayyoo koo.
Haati mucaaSimbiraa
Obboroo kaatee wacci
Barii kaatee dubbatti
Haadha mucaa na godhi
Obboroo nadammaqsi
Warra guddaa nagodhi
Warra natti dheeressi
Haati guddaayoo qabdu
Badduu barbaada hin dhabdu
Duutu awwaala hin dhabdu
Guddaayyoo maaltu dhaanee?
Qananiitu dhaane malee
Kooratu boossisa malee
Koora haa boowuu lakkisii
Qananii hin lakkisini;
Qananii,ilma lubaa
Kooraa,ilma qondaalaa
Adamoo keessa roobee
Dakkuu lummuccuu dhaye
Somaayyuu jajallisa,
Elemaa keessa roobee
Gaadii lummuccuu dhayee
Okolee jajallisa;
Kenaatu namaa kenna
Waaqatu namaa guddisa.
Kennaan galata miti
Guddisatu galata;
Galatakee hin balleessu
Tolakee hin irraanfadu.
Yaakennaa anaa kennee
Yaa Waaq anaa guddisee
Sooyee Yaabaloo Galmaa
Aboottee bishaan galmaa
Deesistuu mucaa galmaa
Ajjeesaa faacha galmaa!
Guddoo guduru reeraa
Guddoo qoma gororaa
Kaldhichoo bixxiee
Mudaamuddiin xurii dha
Mudhiin Soonsa goromsaa
Zalaalem Abarraa tiin