Harma Haadhaa

Hayyooti fayyaa daa’imaanii akka jedhanitti, daa’imni dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa akka isaan hin barbaachisne gorsu.

Kun dhugaa saayinsii fayyaadhaan mirkanaa’edha:-

Harmi haadhaa wanta guddinaa fi jabina daa’imaaf barbaachisu mara of keessa qaba. Nyaanni gara biraa daa’imaaf gaarii ta’e hin jiru.Harma hoosisuun kan caalu hin jiru.

Harma hoosisuun daa’imman irraa dhukkuboota hedduu ittisa. Daa’imni dhukkubsattu tokko yoo sirriiti harma haadhasaa hodha ta’e dhukkuba sana dandamachuu isa gargaara (fayyummaa) akka argatu isa gargaara) Daa’imaan harma haadhaa hodhan daa’ima nyaata kan biraa sooratan caalaa fayyaan isaanii amansiisaadha.

Harmi haadhaa yeroo hundaa qulqulluudha. Daa’imman harma haadhaa utuu hin hodhin nyaata garabiraa nyaatan, nyaata nyaatan sana keessa jarmooti fayyaa isaanii huban hedduu jiraachuu danda’u. Harmi haadha garuu, kanarraa bilisa.

Akka qorannoon mul’isutti daa’imman ji’oota jalqabaa ja’an keessatti aannan harma haadhaarraa argatan qofa soorachuun guddina sammu fi guutummaa qaama isaaniif albuudaa isaan gargaaru argachuu danda’u.

Hanga ji’a ja’aatti daa’imman aannan harma haadhaa yoo kan sooratan ta’an, ciminaa fi guddina qaamaa akkasumas dhukkuba dandamachuuf isaan gargaara.

Akka amantaa namoota hedduutti daa’imman haara dhalataniif guyyoota jalqabaa muraasaf aannan kennuufiin gaarii akka hin taane dubbatu. Isaan kan jedhan bishaan sukkaaran akka kennamuuf haasa’u. Barsiifati kun sirrii miti.Fayyaa daa’ima sanaa waan hubuuf.

Lammiiwwan keenya baay’een beekumsa dhabuun kana godhu. Garuu ogeessonni fayyaa fi beektonni fayyaa daa’immanii akka jedhanitti, daa’imni akkuma dhalateen sa’atiiwwaan jalqabaa keesaatti harma haadhaa argachuu akka qaban sirriitti mirkaneessaniiru. Bishaan sukkaaraa fayyaa daa’imman keessanii miidha. Kanaaf harma haadha qofa kennaafi. Kunis karaa baay’ee barbaachisaa fi nyaata fayyummaa daa’immaniif murteessa ta’ee dha.

Akkasumas, haati, aannan ga’aa fi qulqullina gaarii qabu daa’ima ishee sooruuf, ofii isheetiif nyaata ga’aa ta’e soorachuu qabdi. Nyaata harmashee mirgisu (harmi ishee aannan ga’aa akka godhatuuf nyaata barbaachisaa) argachuu qabdi.

Yaadadhu! Daa’imni dhalatee hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa qofa hodhuu qaba. Hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa irratti nyaati gara biraan hin barbaachisu.

Deggersa Maallaqaa USAID irraa argameen dhaabbata Mersiikoorpisitiin ispoonsara kan ta’e.

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s