Moggaasa qubee irraa waan hubannu

Hima afaan alagaa kana mee dubbisaa: “ahun andi sewu mexto ‘Abbabaa Kabbadaa’ bil min tilaallaachihu?” jedhe namichi. Namni deebii kenne hin turre; garuu hundinuu ni kolfe! Anis nan kolfe. Hima kana kanan dhagahe Yunivarsiitii Finfinnee keessatti waggoota 30 dura ture. Namichis barsiisaa (lecturer) ture. Barumsi inni wayitii sanatti barsiisaa ture ‘Sociolinguistics’ jedhama. Wanti ani irraanfachuu … Continue reading Moggaasa qubee irraa waan hubannu

Fallisaa Barumsa

Hordaan koo qalama ittiinan bajjii baasa Oyiruun koo waraqaa irrattan barreessa Midhaan facaaseetan hiyyummaa balleessa Har’a ijaa ba’uuf doofummaa kaleessaa Afaan koon haasawaan afaan koon barreessa Qalama qawween koo waraqaadha dirreen koo Dammaqsee nakakaasee jabeesse haamileekoo Kan ormi bulchuu yaade jaarraa tokko hambisee Hojjetaa godhachuuf barumsa irraa ittisee Taaddee ilma Birruu kanatu aarsee kaasee Ilmi … Continue reading Fallisaa Barumsa

Maal fayyada barnoonni?

Barnoota.(2),hundumatu jaja,hundumatu faarsa, Isaaf eebba malee namni hin qabu abaarsa, ‘’Ni baranna” jedha lallabee dhaadata, Waa’eesaa dhaga’uuf gurratu oldhaabata, Yoo ciises abjuudhaan samii cuunfee qora, Ekeraa barnootaa waliin tulluu kora, Xinnaafi guddaa hin qabu fudhachuuf fakkeenya, Sagalee barnootatu dhaale dachee keenya, Nama barates qabna nu’i kallattii maraanuu, Kan qalama bitee qubee ittiin waraanu, Kan mana … Continue reading Maal fayyada barnoonni?

Hunduu yeroo qaba

Argeera jedhanii yoodhuma ilaalani Otoo hinhubatin yoodha haasa’ani Osoo keessa hinbeekiin yoodha jaalatani Oolee gaafa bulee maal ta’a laata innii? Hunduu yeroo qabaa maaliif jarjartanii? Hunduu yeroo qabaa mee hubadhaa laalaa Yaada hedduudhaanis baay’isaa madaalaa Hubachuumoo dhiisuu egaa kamtu caalaa? Hunduu yeroo qabaa akkana hinta’iinaa Sirriitti hubadhaa lakkii hingowwoominaa Walis gaggaafadhaa calillee hinjedhinaa Sirriitti xiinxalaa … Continue reading Hunduu yeroo qaba

…Qabsoo dheeraa booda

Qilleensarra kaatee yaadaan tabjaajja’aa Jireenya mo’achuuf takka kufee ka’aa Deemsa keessa lufe meeqansaa lakkaa’aa Gocha tokko malee yaadasaan akaa’aa Addunyaa xaxamtuu ishee hiika hinqabne Joorsuuf jaamsuu malee boqonnaa hinlaanne Nyaattee dhuguu malee nan quufee hinbeekne Halkan guyyaa fiignee mo’achuu hin dandeenye Ogeeyyiis gaafannee hayyuu biyya bulchu Hiika addunyaa kanaa dadhabe nuulaachuu Qotee bulaas taanee yookaan … Continue reading …Qabsoo dheeraa booda

Albuuda Qabsoon Boodaa

Hir’inaafi hiyyuma mataa isa cabseef kan hin jilbeenfanne, halkaniifi guyyaa jireenya qabsoo abbaafi haatisaa keessa ce’anii as ga’an homaattuu kan hinlakkoofne Sarbeessaan ilma maatii qotee bulaati. Gidiraa ijoollummaan mataa isa cabsaa ture hunda har’a irra taa’ee gaafa yaadu himala inni taasise hundi har’a isaaf mudannoo godaannisaa hindagatamnedha. Sammuusaan kanatti qabamee mul’ata fuulduraa kan akka abiddaa … Continue reading Albuuda Qabsoon Boodaa

Handhuraa

mataa da’imaa irraa haadan keessaa buusan. Guyyaa gubbisaa ykn moggaassuu Aabbaan da’ima kanaa loon keennaf. andhuraan:-horii Aabban ilmee kennu Loonsunosoodurattimaqaabiraaqabaatelleeirraa akka Aadaa Oromoo Booranaatti. jijjiiran, fakkeenyaaf Suukii, Obbol-bulee, Abbaa- Handhuuraa Oromoon durii qabdi. olee... Jedhaaniinillee irraa jijjiranii Handhuuraa Addunyaan ammoo dhiyoo erga baankiin dhuftee jedhaniin. Loon kun amma booda ka daa’immaa egalte(bookaccount)daa’imiiyoodhalatebanuufi. suniiti. Handhuuraa isaati … Continue reading Handhuraa

Yaa biyyoo Nanyaadhu

Magaalaa guddaa Oromiyaafi Itoophiyaa kan taate Finfinnee keessattidha.Ji’a Waxabajjii bara 2002.Guyyaansaa Dilbatadha.Guyyaan kun guyyaa boqonnaakoo waan ta’eef hiriyaakoo dhukkubsatee mana waldhaansa fayyaa,Xuqur Ambassaa ciisee waldhaanamaa jiru gaafadhee, sana boodammoo nama meeshaa daldalaa biyya alaatii naa fichisiisuutti horii kennuuf sagantaan qabadhe.Manni waldhaansa fayyaa Xuqur Ambassaa kun keessummoota dhukkubsattoota dubbisuu barbaadaniif sagantaa baase irratti, Guyyoota Dilbataafi Sanbataa … Continue reading Yaa biyyoo Nanyaadhu

Save the Children Baraarsa Daa’immanii(Save the Children) Waajjira Damee Naannoo Amboo

Dhaabbanni Baraarsa Daa’immanii (Save The Children) biyyoota 120 keessatti kan hojjetu miseensa gurmuu dhaabbilee Baraarsa Daa,immanii Addunyaati.Itoophiyaa keessatti hojii kan jalqabes gargaarsa namoomarratti xiyyeeffachuudhaani.Gara boodaattimmoo misooma egereerratti xiyyeeffachuudhaan daa'imman balaaf saaxilaman gargaaruurratti fuulleffate. Dhaabbilee Baraarsa Daa'immanii torban (Kanaadaa,Denmaark, Finland,Noorwee Suiidin,UK ,US)waliin ta’uudhaan jireenya daa’immanii fooyyessuurratti xiyyeeffatee Itoophiyaa keessatti hojii eegale.Kaayoo,sagantaa fi tarsiimoon Save The Children … Continue reading Save the Children Baraarsa Daa’immanii(Save the Children) Waajjira Damee Naannoo Amboo