Alfred Noobelii fi Bu’aa inni addunyaa kanaaf buuse!

Waa’ee badhaasa Noobeelii sadarkaa adduunyaa irratti waggaa waggaadhaan kennamu beektuu? Badhaasi Noobeelii sadarkaa adduunyaa irraatti Saayinsii Fiiziiksii, Keemistirii, Fiziyolojii (waldhaansa fayyaa) Dinagdee fi Nagaa buusuudhaan adduunyaa keenyaaf namoota gumaachaa olaanaa galmeessisaniif kennamudha.Iddoon badhaasi kun itti kennamu biyya Siwidinii magaalaa Isitookholmii fi biyya Norweey magaalaa Osloo keessatti. Kaayyoon barreefama kanaa seenaa ka’umsa badhaasa Nobelii fi namni … Continue reading Alfred Noobelii fi Bu’aa inni addunyaa kanaaf buuse!

Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Namni sadarkaa jireenyaa adda addaa keessa akka darbu nama hundumaaf ifaadha. Yeroo sadarkaa jireenyaa kana keessa darbus ilaalcha inni ittiin wantoota isa quunnaman ilaalu, ilaalcha adda addaa ta’a jedheen yaada. Kana malees ilaalcha isaanii keessatti mul’ata ittiin waa ilaalanii adda baafatan namootni hin qabnes baayi’een jiru. Kanaaf yeroo hedduu namootni akka kanaa ni ilaalu malee … Continue reading Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Joorsee

Joorseen utuu gargaarsa hin dhabin haala kashalabbummaa isaa irraa kan ka’e barumsa isaa kutaa saddeet irratti dhiisee warra isaa jalaa badee magaalaa Finfinnee keessa hojii hanna irratti bobba’ee jiraata. Magaalaa Finfinnee gabaa ganda Agamsaa (Markaatoo) ,Malkaa Daabbuus (naannoo irraangadee karaa Charchil) Roobii (Nafaas silkii) Baddaa Ejersaa (Raas Kaasaa) Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) jedhamanii fi walumaa galatti … Continue reading Joorsee

Oromiyaa

Biyyakoo Oromiyaa yaa haadha uummata hedduu Lammii sabakeetiif tokkkummaan kan yaadduu Teessumni lafakee nama kan hawwatuu Ana qofa miti hunduu si jaallatu Seenaan sin dagatu waa’ee kee qorataa Lammiin Addunyaayuu baay’ee sigaafataa Albuudi lafakee beektoota hawwataa Hayyoota hedduutu waa’eekee dubbata Nu duwwaayyuu miti ormuu siin jiraataa Biqilaan lafakee nama gammachiisaa Misoomni omiishakee ormaafuu gaaddisaa Kan … Continue reading Oromiyaa

Gumaan Maali?

Ummanni Oromoo tooftaalee aadaa walitti bu’insa uumaman ittiin furuufi seera kabachiisu hedduu ni qaba. Namoota lama, maatii, gosa lama, sabaafi sablammoota olla ummata Oromoofi wkk. Gidduutti wal dhabinsa ykn walitti bu’insa uumamu aadaa araaraa maanguddoo hawaasaa Oromootiin kan furamanidha.Wal dhabdeen bifa akkanaatiin uumamu kun jabaatee gara qaama hir’isuu ykn lubbuu baasuutti kan cee’u yoo ta’e … Continue reading Gumaan Maali?

Afaan Oromoo Afaan Guddicha

Dhala namaa bineensotaa fi uumama lubbu qabeeyyii kanneen biroo irraa waan adda baasan keessaa inni tokkoo fi guddaan afaan ykn qooqaa jechoota hedduu seeraan wal duraa duuba tarreeffamanii himaan yaada dabarsaniin dubbatee waliif galu qabaachuu isaa ti. Afaan ittiin waliigalamu kunis meeshaa duudhaan, safuun, eenyummaa fi aadaan saba tokkoo ittiin ifatti ba’u (dha). Uummanni afaan … Continue reading Afaan Oromoo Afaan Guddicha

Kitaabuma

Eenyumaan Beekumsaa Maalummaan Dubbisuu Seenummaan Addunyaa Keenyummaan Guddisuu Inni Sun Kun Galeef Qaroomeet Jiraata Kitaabuma Dhugee Kitaabuma Nyaata Fuula Irraa Manca’e Naanna’ee Barbaada Dhaloota Dhufuufis Fageesetoo Yaada Kan Galuun Hin Galleef Irratti Barreessa Fakkii Wayii Kaasee Kan Ture Balleessa Yookaan Jidduu Isaatii Suuraa Buqqifata Eenyunni Maal Godhe? Jedheet Iyyaafata Kan Galuun Hin Galleef Jimaadhaan Marata … Continue reading Kitaabuma