Jiraatu hin jiru
Jiruu jiruu gadii
Sammuu harki badii
Gadadoo farrisaa
Injifamuu faarsaa
Hin horsiisu hin gabbisu
Elmatee hin unatu
Silga hin dhandhamatu
Kaatee hin dhaqabu
Lugna jiruu du’aa
Jiruu ofitti gaabbaa
Onnee qalbii dhabaa
Duulee hin booji’uu
Boojiamees hin beeku
Ajjeesee hin dibatu
Geerareetu hin dhaadatu
Niitii hin qaadhimatu
Ilma hin dhalchatu
Jagna maaltu gahaa
Battalumatti du’aa
Oggasuma ka’aa
Masqaloo Baalchaa tiin
Tel: +251 911 723 421