Gumaan Maali?

Ummanni Oromoo tooftaalee aadaa walitti bu’insa uumaman ittiin furuufi seera kabachiisu hedduu ni qaba. Namoota lama, maatii, gosa lama, sabaafi sablammoota olla ummata Oromoofi wkk. Gidduutti wal dhabinsa ykn walitti bu’insa uumamu aadaa araaraa maanguddoo hawaasaa Oromootiin kan furamanidha.Wal dhabdeen bifa akkanaatiin uumamu kun jabaatee gara qaama hir’isuu ykn lubbuu baasuutti kan cee’u yoo ta’e tooftaa araaraa jaarmiyaa gumaatiin furmaata kan argatu ta’a.

Gumaa yoo jennu, jireenya hawaasummaa saba Oromoo keessatti qooda olaanaa kan qabu jaarmiyaa araaraa hawaasaati (conflict resolution of social institution) jechuun ni danda’ama. Akkuma olitti ibsuuf yaallametti, namoota lama gidduutti, maatiifi gareewwan adda addaa gidduutti wal dhabinsa uumamuun kan ka’e dhiigni dhangala’ee lubbuun namaa yoo darbe dhugaan qulqullaa’ee, araarri bu’ee, nagaan mirkanaa’ee yaanni firoomaafi jaalalaa akka dagaagu kan gargaaru tooftaa gadoof haaloo ittiin haqanii mala jireenyaa kan ittiin uumanidha.

Gumaan yoom jalqabame?

Seenduubeensaa (historical background) maal fakkaata? Adeemsawwan jireenyaa keessatti geeddaramni gumaan agarsiise maal fakkaata? Gaaffiiwwan jedhaman deebisuuf qormaata gadi fageenyaa (indepth research) waan barbaadaniif kaayyoo barreeffama kanaa ol ta’aniiti argamu. Haa ta’u malee, akkaataa gumaan ittiin raawwatu, akkaataa firiiwwan duudhaa Oromoo hammatee dalagamu beekuun “Gumaan maal akka ta’e” caalmaatti adeessuu ni danda’a.

Ummanni Oromoo guula hammatee, bokkuufi caaccuu qabatee, waraana ciibsee, kan dogoggore gorse, kan jallate soroorsee, kan dhiiga namaa dhangalaase adabee, kan miidhame waldhaanee ykn waldhaansisee araaraafi qabbana kan ittiin buusu, firoomaafi jaalala kan ittiin dhugoomsu keessaa inni tokkoofi hangafti seera aadaafi mala jireenya hawaasummaa kan ta’e jaarmiyaa gumaati. Qabiyyeefi bifiyyee sirna gumaa irratti eenyummaafi maalummaan ummata Oromoo ni calaqqisa. Kanaafuu, guulli (jaarsi) Oromoo abaaree balleessuu, eebbisee badhaasuu, sagadee araarsuu kan ittiin danda’u waltajjii caffeeti.

Seerri gumaa waraqaarratti barreeffamee keeyyata kan bu’uureffatu osoo hin taane akkaataan gochaafi raawwiisaatii abaabileerraa akkaakileetti,d arbaa kan dhufe ammas darbaa kan jiru; fuula daras kan jiraatu, kan ummanni Oromoo haaloofi gadoo namootaafi gareewwan gidduutti uumamu hambisee, nageenya, jaalummaafi obbolummaa cimsee kan ittiin tursiise duudhaa ganarraati.

Gaheen seera gumaa haaloo ajjeechaa hambisuu qofa miti. Kan ajjeese gumaa baasisa; kan du’eef gumaa nyaachisa. Kaffaltiin gumaa horii ykn maallaqa ta’a. Garuu wal jibbuun, gadoof wal kakaasuun kan ittiin hambisu, qabbanaafi firooma kan ittiin dagaagsu inni guddaan duudhaa kakuufi eebbaati. Sirna kakuu ykn irbuufi eebbaa kanaanis yaadaafi qalbiin namootaa booji’amee araarri bu’ee nageenyiifi wal amantaan mirkanaa’a. Sirni kaka ykn irbuufi eebbaa erga raawwatee boodas gosni lameen gidduusaaniitti tuntuna. Gabaa tokko daldaluun,laga tokko ce’uufi dhuguun, wal fuudhuufi dhiigaan walitti maka’muun ni uumama.

Gumaan seera aadaafi mala jireenyaa ta’ee hiika addaa qabaachuunsaa bira darbee ummanni Oromoo aadaasaa “Olaantummaan” kan gaggeessan abbootiifi jaarsolee biyyaatiif ulfinaafi kabaja qabu agarsiisuuf waadaa seenee kan mirkaneessu fakkeenya muuxannoo gaarii jireenyaati.Sirna

Sirna Gumaa

Ummanni tokko jiruufi jireenya isaa keessatti wal kabajaa, namusa qabaatee, badiirraa of eeggatee hariiroo gaariidhaan akka jiraatu meeshaan madaalaa sirna eegu tokko jiraachuun barbaachisaadha. Sirni madaalaa kun jiraachuu baannaan guddaan xiqqaa reeba; jabaan laafa reeba; abshaalli gowwaa reeba; beekaaan wal laalaa reeba; kana booda duudhaan, safuun, jiquun, walumaagalatti qajeelfamni ittiin bulmaataa hawaasichaa ni caba. Kun akka hin taaneefi ummanni Oromoo qajeelfama jiruufi jireenyaa, kan haalaafi amala hawaasaa gadii naamusaatiin to’atee badiifi jallinarraa ittiin ittisu ni qaba. Innis seera Gumaati.

Akka waliigalaatti gumaa bakka lamatti qoodnee ilaaluu ni dandeenya. Tokkooffaan gumaa miidhama qaamaatiif (hubama xixiqqaarraa hanga hir’ina qaamaatti) kanfalamu yoo ta’u, inni lammataafi inni hangafati immoo ajjeechaa ykn lubbuu bahuuf gumaa kanfalamudha.

Miidhama qaama jechuun maal jechuudha? Miidhama qaamaa kan jennu miidhama hubama xixiqqaadhaa hanga hir’ina qaamaatti kan of keessatti qabatudha. Hubama xixiqqaas ta’e hiri’na qaamaa ilaalchisee wantoota hunda nannoo keenya keessatti mul’atan hunda as keessatti kaasuun qormaata gadi fageenyaa kan gaafatudha. Kanaaf hubannoo uumuuf jecha wantoota ka’umsaaf ta’an qofa akkaataa itti aanuun dhiyeessuuf yaalii ni goona.

1. Hubama xixiqqaa Ilaalchisee

1.1. Arraba qalbii nama tuquun nama arrabsuu.

Fakkeenyaaf, jaarsa gosaatiin hattuu jechuu, intal durbaatiin fafooftuu jechuun kabaja hiri’suufi kkf. Eeruun ni danda’ama. Arrabni akkanaa kun uummata Oromoo biratti akka arrabsoo guddaattii ilaallama. Qaamni yakka akkasii raawwatee argamu gumaa baasuu qaba. Bifa akkanaatiin gumaan kennamu huccuu kallee irraa tolfame uwwisuudha.


1.2. Haalaan nama tumanii (reebanii) dirmammeessuu ykn dhiigsuu, nama fottoksuu, lafee nama cabsuufi kkf.

Yakki akkanaa kunneen kan raawwataman yoo ta’e. dura ogeessaan akka ilaallamu ta’a. sana booda sadarkaan miidhaa geessifamee eega addaan bahee booda gumaan akka kanfalamu taasifama. Bifa akkanaatiin gumaan kennamu bulla ykn otoba jechama. Bulli damma ykn dadhaa ta’uu ni mala. Otobni qama fottoqe ykn lafee cabe kan dhinsuu danda’u kanneen akka foonii, dhiigaa. Dhadhaafi aannanii ta’uu ni danda’a. Shuumoo mishingaa nyaachisuu; qalanii tiruu nyaachisuullee ni dabalata.

2. Qaama Hiri’suu

Kun birkii qaamaa kanneen akka ijaa, ilkaan, harka, miila, quba, qaama hormaataafi kkf. Hiri’suu kan ofkeessatti qabatudha. Gumaan birkii qaamolee kanaaf kanfalamu ummata Oromoo biratti iddoodhaa iddootti ykn naannoodhaa naannootti garaa-garummaa qabaachuu ni mala. Haa ta’uutii naannoo hedduutti wal fakkaataafi baratamoo kan ta’e haala itti aanuun haa ilaallu:

2.1. Ija balleessuu ykn baqaqsuu

Gumaan ija balleessuu loon 50 firoomniifi soddoomni kan jiraatu yoo ta’e loon 25.

2.2. Ilkaan cabsuu

Ilkaan cabsuun loon 15, qarriffaan loon 10, ilkaan duraa loon 5.

2.3. Gurra muruu ykn gurra duuchuu

Gurra muruu muruun 50, guutuu muruun loon 25.

2.4. Harka

Harki bitaa loon 30, kan mirgaa loon 25.

2.5. Miilla

Miilli loon 50 dha.

2.6. Quba

Abbu guddoo loon 15, elemee loon 6, mirsoo loon 4, tirsee loon 3, nyaaleen loon 2.

2.7. Qaama hormaataa

Qaamni hormaataa; akka aadaa Oromootti qaama hormaataa hri’suun yakka guddaadha. Kanaaf gumaan isaa guddaadha. Nama qaama hormaataa mure, warri ykn gosti isaa nama murame sanaaf waggaa waggaatti gumaa guutuu hanga inni lubbuun jirutti kanfaluu qaba jedha seerri aadaa bakka hedduutti jechuudha. Kanaafuu qaama hormaataa muruurra lubbuu baasuutu irra wayya jedhama.

3. Gummaa ajjeechaaf lubbuu bahuuf kanfalmu.

Uummata Oromoo biratti nama ajjeesuun ykn lubbuu namaa baasuun fudhatama hin qabu. Gochi akkanaa gochaa fudhatama hin qabne waan ta’eef gumaan isaan baay’ee guddaadha.

Nama ajjeesuun fudhatama kana hin qabne yoo ta’us, akkaataan lubbuu namaa itti baasan ykn nama itti ajjeesan garaagarummaa ni qaba. Bifuma kanaan ummata Oromoo birattiis akkaataan ajjechaa lubbuutiif gummaa itti baasaa garaa garummaa ni qaba.

Fakkeenyaaf; saalli walfakkaatu walitti ida’amuuf (dhiirri-dhiiratti) tokko tokko reebee kan ajjeesu yoo ta’e, namni tokko haadha manaa ykn haadha ykn obboleettii isaa dirqisiisee gudeeduuf kan tattaaffatu tokko itti dhufee kan ajjeesu yoo ta’e, gumaa guddaa kan kanfalu miti. Gocha ykn badii akkasiitiin lubbuun kan bahu yoo ta’e naannoo tokko tokkotti gumaan kanfalamu wadala harree tokkodha. Kun immoo kan agarsiisu ummanni Oromoo gocha akkasii hammam akka balaalleffalu kan mirkaneessudha. Gochi akkasii muuxannoo gaariiw aan ta’eef jajjabaachuu kan qabudha.

Akka seera Oromoo ganamaatti, Oromoon tokko tasa yoo ta’e malee beekaa wal hin ajjeessu kunkakaa Oromoolii Namni itti yaadee mi’a diinaan ajjeessan qopheefatee kan aana ajjeesu yoo ta’e gumaan kanfalamu baay’ee cimaadha. Gocha ykn yakka guddaan waan ta’eefi hawaasicha biratti gocha fudhatama hin qabne waan ta’eef jechuudha. Sababbiin isaas osoo manguddoon hambaa jiruu, osoo gosti jiruu, himachuu osoo danda’uu quurrama; gadoofi haaloo qabatee, mana diinsoo gahee, itti qophaa’ee kan nama ajjeesu Oromoo miti; dhaloota keessa jiruufis hin tolu jedhamee waan amanamuufidha. Ummata Oromoo biratti akka tasaallee ta’ee namoonni wal lolan tokko waraana kan qabatan yoo ta’e waraara ofirraa garagalchanii wal rukutu malee ittiin wal waraanuun dhorkaadha.

Akkaataa Adeemsa Raawwii Gumaa Gumaan Sirna namoonni dhuunfaanis ta’ee gosaan yoo wal ajjeesan ittiin walitti araaramaniifi waliigalanidha. Kanaafuu gumaa akkaataa gumaa dabartee itti gaafatu qaba. Kunis bifa lamaanidha. Innis, beekaa kan ajjeeseefi tasa kan ajjeese jechuun addaan baha.

Adeemsi araaraa sooo hin raawwatiin garuu akkuma ajjeechaan raawwateen namni luubbuu baaseefi maatiin isaa ganda. Keessa jiran gallakkisanii fagaatanii baqatu. Gochaan fagaatanii deemuu kun kan ibsu ulfina lubbuuf qaban haala ittiin ibsanidha. Namni lubbuu namaa dabarses hanga gumaan bahutti mana ofiitti deebi’uu hin danda’u.

Badii ajjeechaan booda jaarsoleen biyyaafi manguddoon goaa garee ajjeechaa raawwateefi ajjeechaan irratti raawwatame gidduu hatattamaan seenu. Kun kan gargaaru sababa ajjeechaatiin badiin biraa akka hin uumanne; qabeenyi akka hin banneefidha.

Yeroo murtaa’een booda, erga gaddi qabbanaa’ee jarsooliin gumaa araarsan qooda barbaachisu guuttatanii araaraaf gidduu deemuu jalqabu. Hanga guyyaa seerri eeyyamuutti yoo guyyaa sagal deddeebi’an malee bakka bu’oonni warra firri jalaa du’ee jaarsolii araaraa hin dubbisan. Kadhaa kan godhan osoo itti hin argamiin, fuullee gama warri miidhamee dhaabataniiti. Kadhaa guyyaa sagaliin booda bakka bu’oonni warra miidhamee jaarsolii gumaatti bahanii dubbatu. Guyyaama sana yeroof haalli araarri itti gaggeeffamu ni himama. Guyyaa araaratti namichi lubbuu dabarse gaabbii ykn Gadda isaa haala baay’een mul’isa. Tokkoffaa, uffata fokkisaafi ciccitaa uffata.  Fuula ofii illee suphee diddibatee dhiyaata.  Naannoo tokko tokkotti immoo harki isaa duubatti hidhamee araaraaf dhiyaata iddoo biraatti gosa Oromoo waata harkaatti qabamee dhihaata (waata Ayyaantufi hangafa) waan ta’eefi. Haa ta’u malee, hanga sirni araaraa jalqabutti tuuta irraa fagaatee osoo warra miidhameetti hin argamiin eegamaa tura.58 Karaa biraatiin, maatiin isaafi warri miidhame harka duwwaa gara araddaa araaraa kanaatti dhufu. Sababni isaas akka maatiin lamaanuu walitti hin buunee eeguufidha. Araarri gumaa guyyaa gatiin lubbuu itti kaffalamu ta’ee yeroo itti gareen lamaan haloof akka wal hin barbaadne mirkaneessuuf kakaafi waadaa guddaa itti seenaniidha. Sirna kana irratti garri lamaanuu  Waaqaafi lafaan, caffeefi Tulluuwwan eeruun ni kakatu (iddoo ulfaafi seera). Maatiifi ilmoon waadaa seenu.  Adeemsa araaraa booda, safuu maatiin gara lamaanuu eeggatan ni jira.  Kanneen keessaa dhaaba (gabaa) tokko hanga yeroo murtaa’e tokkootti akka hin deemne, ykn daboo, qaboo, weedduufi kkf. irratti waliin hin hirmaanne taasifamu.  Karaa biraatiin, araara booda firoomni akka cimuuf yoo gosa walfuudhuu danda’an ta’e akka durba walii kennan taasifama.  Kaayyoon isaas walitti dhufeenya cimsuufi gadda nama du’e sana hirraanfachuufidha. Araara gumaa keessatti horiin murtaa’e haa kaffalamu malee gumaan kan kennamu  baay’inaan kabaja lubbuuf malee  qabeenyi barbaadamee miti.59 Warri miidhamanis murtee jaarsi gumaa araarseen ala waadaafi kakaa cabsanii gara horii gaafachuu ykn walitti bu’iinsa uumuun safuudha. Gumaan lubbuu dabartee waan hafu miti. Namni lubbuu dabarse tokko yoo biyya bade’illee badellee firoonni ykn gosni isaa akka gumaa baasan seerri ni dirqisiisa…

•••

Biiroo aadaaf Tuurizimii Oromaa irraa

 

Advertisements