Mootiin gaaf-tokko namni gaaffiiwwan sadan kanaaf deebii gahaa ta’e naaf kennuu danda’u sababa kamiin illee yoo himatamee mana isaa fi qabeenya isa irraa ariyatamee jooraa hin ta’u. Itti dabalees, badhaasa guddaa na biraa argata jedhee guutummaa biyya isaa keessatti beeksisa baase. Gaaffiwwan isaas:-Waan hundumaa hojjechuuf yeroo mijataan kami? Namoonni waliin hojjechuuf baay’ee barbaachisoo ta’an eenyu fa’i? Waanti yeroo hundumaa hojjetamuu qabu maali? Kan jedhu ture.
Namoonni beeksisa kana arganii dubbisan hudumtuu deebii adda addaa qabatanii karaa isaanii gara mana mootummaatti godhatan.
Deebii gaaffii isa tokkoffaaf, namichi tokko akka mootichi sagantaa adda addaa yeroon(sa’atiin), guyyaan, ji’aa fi waggaan baasuun fi sagantaa ba’e sana hojii irra oolchuuf xalayaan akka hordofuuuf gorsa kenne. Egaa nama akkasii qofaatu hojiiwwan hundumaa yeroo sirriitti hojjedheen fixa jedhee abdata jedhe.
Namni biraan tokko immoo gaaffii kanaaf yaada kana irraa adda ta’e tokko akkas jechuun kenneera.
« waan tokko dursanii karoorsuun waan danda’amu miti, mootichi gammachuu isaa akka waan faayidaa hin qabnetti ilaalee yeroo attamiitti maal hojjjechuu akka qabu beekuuf dhama’uu hin qabu.” Ammas namni biraan tokko mootiin ofiisaatiin waan fooyya’aa hundumaa gonkumaa fuul-duratti beekuuf abdachuu hin qabu, yoo gartuu gorsitoota taasisuun beektota hundeessee gorsa ogeessotaa kana hojii irra oolchee malee yeroo kamitti maal hojjechuu akka qabu beekuu hin danda’u jedhee gorse. Namni Kan biroon tokkos, wantootni tokko tokko murtii hatattamaa barbaadu waan ta’eef jecha hanga mootiin gorsa argatutti turuu hin danda’ani. Kanaafuu, waan fuul-duratti ta’uu danda’u beekuuf mootiin mortotaa fi mammaktota mariisisuu qaba.
Gaaffiin inni lammaffaas akkasuma deebii waan hin argatin jiruuf:-Namichi tokko akkas jedhe: Mootiin amantaa isaa bulchitoota isaa hundumaa irra kaayyachuu qaba jedhe. Namni kan biroon immoo lakkii lubootaa fi warra ‘moloksee’ irratti amantaa isaa gatuu qaba jedhe. Achumaan warri kaan ogeessota fayyaa, warri kaan immoo mootiin amantaa isaa humna waraanaa irra kaayyachuu qaba jedhanii wal mormani. Gaaffii sadaffaafis deebiiwwan garaagaraatu kenname.
Namoonni muraasni waan haalan nama amansiisu saayinsiidha jedhan. Gariinis amantaa irratti hirkachuu akka qaban ibsan.Warrii isaan kanaan morman immoo dandeettii waraanaatu baay’ee barbaachisa jedhan.Mootichis deebiiwwan kennaman hundumaatti hin gammadne waan ta’eef eynuuf iyyuu badhaasa hin kennine.
Mootichis yaada kana guyyaa baay’ee erga xiinxalee booda nama qopha-galeessa fi milkaa’aa ta’ee gaara irra jiraatu tokko bira dhaquuf murteesse. Akka gaara irraa gadi hin buune, hiyyeessa qofa simachuun beekamaa ta’usaa fi nama dureessaa fi abbootii angoo wajjin homaa tokko iyyuu gochuu nama hin barbaanne ta’uu isaa osoo beekuu gaaffiiwwan sadan kana nama qopha-galeessa sana gaafachuu barbaade.
Kanaafuu akka nama salphaa tokkoo ykn akka qotee-bulaa hiyyeessa tokkoo of fakkeessee namootaa isaa wajjin jiran gaara jalatti dhiisee namicha kana barbaaduu gara gaaraatti ol ba’e. Mootichis bakka jireenya namichaa yommuu ga’u osoo inni fuul-dura godoo isaatti bakka dhaabbii biqiltuu qotaa jiruu isa argate. Namichis yeroo keessummaa ta’usaa argee mataa isaa raasee dubbisee boolla biqiltuu qotuu itti fufe. Hojii baay’ee ulfaataa hojjetaa akka jiru beekamaadha. Innis jaarsa dulloomaa ta’us, saapeettaa isaatiin lafa garagalchu fi biyyoo wal-irra tuuluu ni barbaada. Mootichis itti dhiyaatee gaaffiiwwan sadan kana deebisuudhaan akka na gargaartuufan si bira dhufe jira ittiin jedhe:- Isaanis Waan hundumaa hojjechuuf yeroo mijataan kami? Namoonni waliin hojjechuuf baay’ee barbaachisoo ta’an eenyu fa’i? Waanti yeroo hundumaa hojjetamuu qabu maali?
Namichi beekaan mooticha qalbeefataa ture, darbee darbee gateettii mootichaa qaqqabuu malee jecha tokko illee itti hin deebsne. Laficha qotuu ittuma fufee jira. Mootichis akkas ittin jedhee amma dadhabdee jirta si gargaaruun qaba. Namichi beekaan kunis saapeettaa mootichatti kennee boqochuuf lafa irra gadi taa’e. mootichi tarreewwan lama erga qotee booddee qotuu isaa dhaabe. Gara namicha beekaatti garagalee gaaffiwwan sadanuu irra deebi’ee gaafate.
Namtichis amma illee deebii hin kennine garuu ka’ee dhaabatee saapeettaa itti agarsiisee “maaliif dhuftee hin boqottuu?” amma si harkaa fuudhee qotuu nan danda’a fidi ittiin jedhe. Haa ta’u malee garuu mootichi hojicha ittuma fufe osoo hojjetuu sa’atii tokkos darbee lammaffaanis ni darbe. Dhuma irratti biiftuun duuba gaarichaatiin gadi lixuu jalqabde kana irratti mootichi sapeettaa lafa kaa’ee namichaan akkas jedheen:- “gaaffiwwan koo sadan yoo deebisuu dandeessa ta’e jedheen si gaafachuuf si bira dhufe.” jedheen. Garuu yoo deebii naaf kennitu homaa hin qabdu ta’e karaakootti deebi’een mana kootti gala waan tokko na beeksisi maaloo jedheenii jennaan,namtichis mataa isaa ol qabatee akkas jedhee mooticha gaaffii gaafate.
“Kottee namaa gsara sanaa gara keenyatti fiigaa jiru sana dhageessaa?” Ittiin jennaan yeroo mootichi ol jedhu lamaan isaanii namticha dhiiga madaa mar’umaan isaa keessaa dhangala’u harkaan qabatee akka bineensaa fiigichaan mukeewwan keessaa ol ba’u argani. Namtichis haaluma hin beekamneen utuu fiigaa jiru kufe. Garuu osoo of wallalee aadaa lafatti hin kufin dura kallattiidhaan gara mootichaatii fiigaa ture. Hucuu isaa irraa baasanii yommuu ilaalan mootichi fi namtichi sun madaa guddaa madaa’uu isaa argan. Mootichis madaa namtichaa dhiqee marata isaatiin haa hidhu iyyuu malee dhiigichi amma iyyuu dhaabbachuu waan dideef maraticha battalumatti jiise. Ammas maraticha irrraa hiike deebisee hidhee hamma dhiigni dhaabbatutti akkasuma godhe. Dhuma irratti namtichi madaa’anis of baree bishaan dhugaatii gaafate. Mootichis gara burqitutti gadi fiigee bishaan qulqulluu joogii tokko waraabe kenneef. Aduun lixee galgallii qorruu jalqabeera. Mootichi fi namtichi qopha-galeessi sun lama ta’anii namticha madaa’e sana qabanii ol galchani siree namicha qopha-galeessa sana irra cibsan. Namichichis ija isaa libsatee callisee ciise. Mootichis deemsa gaara fi qotiisa boolla biqiltuu sanaan waan dadhabeef balbala duratti kufee achumaan rafe. Namtichi madaa’ee sun yeroo ka’u biiftuun mataa tulluu irratti baateetti. Yeroo gabaabduuf eessa akka jiru fi maal hojjechuu akka dhufe hin barre.Sanaan booda siree irra ciisee yommuu mooticha ilaalu baay’ee bita itti gale.Yeroo mooticha argu sagalee dadhabaadhaan hasaasee “dhiifama naaf godhi!” ittiin Jedhe. .”Garuu mootichi sababa maal balleessiteefan dhiifama siif godhaa?” ittiin Jedhe. Namtichi madaa’an sunis deebisee ati na hin beektu garuu ani si beeka. Anii diina keen ture ati kanaan dura oboleessa koo ajeestee qabeenyaa koo waan narraa fudhateef haaloo si bahuufan si barbaadaa ture ittiin jedhe. kanaafuu namticha qopha-galeessa kana arguuf qofaa kee dhufaa jiraachuu kee waanan bareef ani immo karaatti eegee si ajeessuufan murteessee dhufe. Yeroo dheeraaf dhokadhee si eegee ergan dadhabee booda mallattoo asirra dhufuu kee ibsu waanan dhabeefan bakka biraatti si barbaacha ba’ee jennaan akkuma tasaa eegdota keetti ba’een bakkan itti si waraanuuf jedhetti waraaname. Isaan booda akka tasaa isaan harkaa miliqeen as fiige. Osoon si hin argine ta’ee hanga yoonaattii nandu’a ture. si ajeessufan ture ati agruu lubbuu koo du’a oolchite.baay’een qaanneffadhe humnaa olittis oolmaan kee natti dhaga’ame; yoon jiraadhee bara koo guutuu tajaajilaa keen ta’a ijoolleen ijoollee kootis akkasuma siif ni ta’u. “Maaloo dhiifama naaf godhi!” mootichis haala salphaadhaan diina isaa duriitti araaramusa argee baay’ee waan gammadeef dhiifama qofaa gochuufii oso hin taanee qabeenya isaa hunda akka deebisuuf
waadaa seeneefii ogeessota fayyaa fi tajaajiltoota hamma inni fayyaa guututti deebi’utti isa gargaaran ramadeefii gara mana isaatti duukaa galche. Erga eegdota isaa namticha duukaa ergee booda ofiisaatii gara namticha qopha-galeessaatti achii deebi’e. Mootichi gara mana mootummaa isaatti osoo hin deebi’in dura gaaffiiwwan sadan isaa yeroo dhumaaf namticha qopha-galeessa sana gaafachuu barbaade. Namtichas lafa kaleessa qotame irra osoo inni sanyii facaasu argate.Namtichis ol jedhee dhaabbatee mooticha ilaalee gaaffiin kee siif deebii’eera mootichaan jennaan mootichis “attamitti?” jedhee gaafate. Kaleessa osoo dhuftee harka natti laatte bo’oo biqilaa kana baasuu na hin gargaarree ta’ee diina karaa irratti si eeggataa ture harkatti duuta turte. Egaa utuu na bira hin turre ta’ee silaa ni gaabbita turte. Kanaafuu yeroon baay’ee barbaachisaan yeroo lafa qotaa turte sanadha. Namni baay’ee barbbachisaan immoo ana ture. Waanti gaariinis na gargaaruu keeti. Dhuma irratti yeroo baay’ee barbaachisan immoo yommuu namtichi madaa’aan sun fiigaa dhufee sana yeroo ati madaasaa hidhuun dabarsitedha, utuu ati isa hin gargaarre ta’ee namtichi sun ni du’a ture atis carraa isatti araaramuu hin argattu turte. Akkasumas, innis nama baay’ee barbaachisaadha wanti sirriin hojjetame immoo yaala madaa isaaf godhameedha. Yaadadhu yeroon baay’ee barbaachisaan ammadha. Yeroon amma qabnu kun itti fayyadamuudhaaf yeroo nuti aboo irratti qabnudha. Namni baay’ee barbaachisaan nama ati yeroo hundumaa wajjin jiraattuu fi nama siif amanamee siiwajjin jiraatudha. Maaltu beeka gara fuula duraatti nama akkana argachuukee. Kanaafuu ati waan akkasiitti gammadi sababiin isaas karaa kana qofaan bara kee guutu milka’ina argataatii ittiin jedhe.
Kan barreesse Leo Tolstoy
Afaan Oromootti kan jijirame, Qopheessitoota Siifsiin!