Waa’ee badhaasa Noobeelii sadarkaa adduunyaa irratti waggaa waggaadhaan kennamu beektuu? Badhaasi Noobeelii sadarkaa adduunyaa irraatti Saayinsii Fiiziiksii, Keemistirii, Fiziyolojii (waldhaansa fayyaa) Dinagdee fi Nagaa buusuudhaan adduunyaa keenyaaf namoota gumaachaa olaanaa galmeessisaniif kennamudha.Iddoon badhaasi kun itti kennamu biyya Siwidinii magaalaa Isitookholmii fi biyya Norweey magaalaa Osloo keessatti.
Kaayyoon barreefama kanaa seenaa ka’umsa badhaasa Nobelii fi namni dhaabbata badhaasa Nobelii kana hundeesse eenyuu akka ta’e yaada isinii kennuufii dha.
Dhaabbata badhaasa Noobeelii kan hundeesse lammii Siwidinii Alfred Nobel jedhama. Alfred Brenhard Nobel abbaa isaa Amaanu’eel Nobel haadhasaa Andrite Nobel irraa A.l.A. Onko.21 bara 1833 biyya Siwidinii magaalaa Istookhoolm keessatti dhalate. Abbaan isaa Amaanu’eel Nobel ogummaan isaanii Injinera.
Magaalaa Istookholm keessatti gamoowwanii fi riqichitoota guguddaa baay’ee ijaaraniiru. Hojii isaanii kana irratti dhagaa kattaa guguddaa caccabsuuf kan isaan gargaaru dhuka’aa hojjechuuf yaalaa turan.
Abbaan Alfred Nobel ijoollee afur qabu. Alfred Nobel ilma isaanii sadaffaadha. Amanu’el Nobel ijoolee isaanii afran biyya Ruusiyaa magaalaa Piiters bargitti fudhatanii yeroo deeman Alfred Nobel reefuu daa’ima xinnoo ture. Achittis ijoollee isaanii kanaaf barsiisaa dhuunfaa qaxaranii mana jireenyaa isaanii keessatti barsiisuudhaan sadarkaa jalqabaa akka xummuuran godhaniiru.
Dargaggoo Alfred Noobeel ijjoollummaa isaatti barumsa Keemistirii, afaanii fi Oggbarruuf fedhii guddaa waan qabuuf, dargaggeessa waggaa 17 yeroo ture Afaan Siwidinii, Ruusiyaa, Faransaayii, Ingilizii fi Jarmanii sirriitti qulqulleessee dubbata ture. Abbaan isaa garuu fedhii ilma isaanii kana hin jaallanne. Fedhiin isaanii, ijoolleen isaanii hundi akkuma isaanii Injinera akka isaaniif ta’an barbaadu ture. Kanumaan ilma isaanii Alfred Nobel biyya gara biraa deemee Injinerummaa Keemikaalaa (Chemical engineering) akka baratu ergan.
Dargaggoo Alfred Nobelis magaalaa Piitrs barg irraa gara biyyaa Siwidinii, Jarmanii, Faransaayii fi Ameerikaa kaabaa (USA) keessaa nanaanna’ee barumsa adda addaa barachuu danda’e. Keessumaa biyyaa Faransaayii, magaalaa Paaris keessatti Labraatoorii dhuunfaa tokko (mana keessatti yaalan) keessa yeroo hojjetu Saayintiistii lammii Xaaliyaanii, dargaggeessa ogeessa keemistirii, Asaniyoo Sibreenoo jedhamu wajjin walbare.Saayintiistiin Xaaliyaanii kun, keemikaalii dhangala’aa baayi’ee balaahamaa ta’e,kan Nayitro gilisiriin asiid jedhamu nama argatedha.
Dhangala’aan baayi’ee balaahamaa kun, asiidii salfarikiifi Naayitiriikii yeroo walitti makaman dhowiinsa guddaa kan uumudha. Keemikaaliin Saayintiistii Xaaliyaanii kanaan hojjetame kun, hojii egeree Alfred Noobeeliif gumaacha guddaa godheera.
Alfreed Nobeel, Keemikaalii Naayitroo Gilisiriiniif xiyyeeffannaa addaa kennuudhaan keemikaalichi hojii ijaarsaaf (konestrakshiniif )itti fayyadamuu akka danda’u hubate.Kun kanaan utuu jiruu abbaan isaa Amaanu’eel Nobeel warshaa biyya Ruusiyaa keessatti jalqaban akka isaan gargaaruuf ilmasaanii Alfred Nobeliin gara Piiters bargitti akka dhufu waaman. Nobelis waamicha abbaa isaa fudhatee magaalaa Piters barg dhaqe.Kana booda jabaatee hojiidhaan abbaasaa gargaaraa utuu jiruu, akka tasaa haala hin yaadamneen warshaan isaanii inni magaalaa Piiters barg keessatti dhaabbate kun kasaaraa irratti kufe.
Sababii kanaan abbaan isaanii ijoollee isaanii hunda fudhatanii gara magaalaa Istookolmitti deebi’an.
Iddoo dhaloota isaanii kan ta’e, magaalaa guddaa biyya Siwidinii Istookholmiitti erga deebi’an booda, Alfreed Noobeel keemikaalii balaahamaa Naayitroogilaayisriin jedhamu bara 1863A.L.A oomishuu jalqabe.Waggaa tokko booda A.L.A.bara 1864 keemikaaliin balaahamaa kun laaboraatoorii keessatti dhowiinsa hin yaadamne uumuudhaan balaa guddaa uume. Dhowiinisi uumame kun lubbuu obboleessa isaa Eemiil Nobeel fii namoota garabiraa baayi’ee galaafate.
Balaan kun, Alfred Nobeel irratti naasuu guddaa uume.Baayi’ees gadde.Balaa kana booda qondaaltoti mootummaa Siwidinii yaalliin Nayitro gilaayisiriin, kamillee akka hin godhamne uggure.
Alfred Nobels uggura kanaan utuu harka maratee hin taa’in, magaalaa Istookhoolm keessaa fagaatee ba’ee, haroo tokko biratti Asiidii Naayitroo gelaayisiriinii oomishuu itti fufe.Garuu Keemikaallin kun balaahamaa akka fidu obboleessa isaafi namoota isa waliin turan irratti badii geessise waan beekuuf, haala balaa hin uumneen qorannoo isaa itti fufe.Dhumarrattis Keemikaalli dhangala’aa kana, Keemikaalii “Kieselguhr” jedhamu wajjin yeroo walitti maku dhangala’aarraa gara goggoguutti geeddarame.Kunis salphaadhaan akka hin dhoone isa godhe.Kan amma argate kun biyya keenyaatti ”Dimaamitii “ yeroo jedhanu Afaan Ingiliziitiin immoo “Dynamite “jedhama.Kunis Kalaqa Alfred Nobel jedhamee, mirgi abbummaa (Patent Right )isaa kenname.
Alfreed Noobeel gurgurtaa Dimaamitii kanarraa qarshii baayi’ee argachuu jalqabe.Kanumaan dureessa ta’uu danda’e.Keessumaa biyyaa Jarmanii magaalaa Hamburg keessatti kan dhaabame warshaan oomisha Dimaamitii A.L.A.naannoo bara 1865 biyyooti Awurooppaafi Ameerikaa bitachuudhaan hojii albuudaa qotuuf, gaara jijjigsuufi dhagaa kattaattaa caccabsuuf itti fayyadamuu jalqaban.Hojii ijaarsa karaa irraatti gaara dhagaa diiguufi gaaricha keessa Dimaamitii awwaaluudhaan dhukaasanii jijjigsanii karaa tolchuuf itti gargaaramu jalqaban.
Alfred Noobeel yeroo baayi’ee kan jiraatu biyya Faransaayii magaalaa Paaris keessadha.Keessumaa al tokko tokko dabree darbee dhowiinsi Keemikaalii Naayitro glaayisiriinii kun lubbuu namoota tokko tokko waan galaafatuuf namoota tokko tokko biratti “daldalaa du’aati”(Merchant of death ) ittiin jechuudhaan baayi’ee qeeqama ture.Barreessaan kitaaba Asoosamaa biyya Faransaayii kan Viktoor Huugoo jedhamu immoo “waanbadee sooressa Awurooppaa” (Europ’s richest Vagabond) jedhee isa arrabsee ture.
Kanas ta’e sana Alfred Noobeel hojii kalaqa isaa kana itti fufuudhaan keemikaalota lakkoofsi isaanii baayi’ee ta’an uumeera.Utuu hin du’in dura qalaqa 355 ta’an uumee abbaa mirgaa ta’ee kabajaa guddaa itti argateera.
Alfred Noobeel jireenya isaa kana irratti iddoo tokko tasgabbaa’ee nama taa’u mit.Hojiinis baayi’ee waan isa dhamaasuuf umrii isaa waggaa 43 tti, qaamni isaafi haalli isaa maanguddoo umrii guddaa isa fakkeessa.
Alfred Noobeel, nagaa jaallataadha.Kana malees ogbarruuf jaalalaafi kennaa guddaa qaba.
Isaan kunniin lamaan jabeessee waan jaallatuuf, ulaagaa badhaasaa Noobeelii adduunyaa irratti waggaa waggaadhaan kennamu keessatti kunniin lamaan jiru. Alfred Noobeel utuu hin du’in waggaa tokko dura A.L.A bara 1895 ji’a sadaasa 27 namoota karaa nagaa,ogbarruu, Fiiziiksii,Keemistirii,Fiizi’olojii ykn waldhaansa fayyaatiin, adduunyaa kana irratti qooda olaanaa raawwataniif qabeenya isaarraa badhaasi akka kennamu mallatteesse. Dhumarrattis Alfred Noobeel A.L.A. Sadaasa 10 bara 1896 biyyaa Xaaliyaanii magaalaa San Roomee jedhamu keesatti umrii waggaa 63tti adduunyaa kanarraa du’aan buqote.
Alfred Noobeel bultii hin dhaabbanne.Dhalas hin qabu.Garuu Warshaa kaampaanii tokko keessatti midneeffamanii kan hojjetan dubartoota sadii wajjin walquunnamtii jaalalaa akka qabu namooti dhiyeenyatti isa beekan ni dubbatu
Badhaasi Noobeelii haala inni utuu hin du’in himateen waggaa waggaan utuu kennamuu, erga inni du’ee waggaa 73 booda A.L.A.bara 1968 baankiin giddu galeessi biyya Siwidinii, badhaasi Noobeelii namoota Saayinsiinis Ekonomiksiitiinis adduunyaaf gumaacha olaanaa baasaniifis akka kennamu murteesse. Hamma har’aatti waa’ee badhaasa Noobeelii Qabxiiwwan tokko tokko:
A.L.A.bara 1901 hamma 20015tti namooti 874 fi dhaabbileen adduunyaalessaa 26 badhaasa kana fudhataniiru.Isaan kunniin keessaa Looreetoti 76 saayinsii diinagdeedhaan kan argatanidha.
Badhaasa Noobeelii namoota badhaafaman keessaa umriidhaan xinnoon lammii Paakistaanii kan taate dargaggeettii waggaa 17 Isaam Maalaalaa Yusaafiiz jedhamtudha.(Mirga dubartootaaf waan qabsoofteef.)
Umrii guddumaa isaaniirratti kan badhaafamanimmoo jaarsa waggaa 90 Liwoniid Hurwiichi jedhamanidha.(Saayinsii diinagdeedhaan).
Baroota 1901 hamma 20015tti dubartooti badhaasa Noobeelii badhaafaman 49 qofadha. Badhaasa Noobeelii mo’atanii badhaasicha fudhachuu kan didan immoo namoota lamadha. Isaanis Falaasamaa fi barreessaa biyya Faransaayii Jiin Pool Saartireet jedhama.Kan mo’ate Ogbaruudhaan ture.Badhaasa Noobeelii maaliif fudhachuu akka dide gaafatamee yeroo deebisu;”Badhaasi akkasii malaamaltummaadha.(corruption)dha”jedhe.
Barreessaa fi falaasamaan Faransaayii kun kana qofa osoo hin taane badhaasa biyyasaa Faransaayii baayi’ees dideera.
Garabiraa badhaasa nagaa Noobeelii mo’atanii hin fudhadhu jedhanii kan didanimmoo, lammii Veetinaamii Leeduuk Too (Le duc Tho) fi ministira dhimma alaa biyya USA kan turan Henerii Kisiinger jedhamanidha.
Badhaasa Noobeelii mo’atanii mootummaan biyya isaanii akka hin fudhanne kan isaan dhowwemmoo, namoota afuridha.Tokko barreessaa biyya Ruusiyaa Booriis Pasternaak kan jedhamu si’a ta’u,sadanimmoo Jarmanootadha. Chansilerii biyyasaanii Adolf Hitilertu dhowwe.
Badhaasa Noobeelii mo’atanii mootummaan biyya isaanii kan isaan hidhemmoo gzeexeessaa biyya Jarmanii Kaarl Von Ossietcy,Lammii biyya Barmaa Auug San Suukyis filammii biyya Chaayinaa Liuxia jedhamanidha. Namni jalqaba badhaasa nagaa Noobeelii bara 1901tti fudhate, waldaa fannoo diimaa adduunyaa kan hundeesse Henerii Duunaadha.Waldaan fannoo diimaa adduunyaas akka waldaatti yeroo sadii badhaasa nagaa Noobeelii fudhateera.
Namooti badhaasa Noobeelii mo’atan; Dippiloomaa, Meedaaliyaa fi,Qarshii argatu.
Meedaaliyaan Noobeelii harkaan kan boocame, gatiinsaa baayi’ee mi’aa (qaalii) kan ta’e warqee magariisairraa kan hojjetame si’a ta’u warqee kaaraatii 18 fi 24 kan irratti dibamedha.
Alfreed Noobeel yeroo du’e mana baankii keessaa qarshii Siwidinii, (Siwidin Krooner) miliyoonii 31 qaba ture. Sharafa qarshii Siwidinii hardhaatti yeroo tilmaamamu biliyoonii 1 fi Miliyoonii kuma 3 fi miliyoonii 702dha.