Joorsee

Joorseen utuu gargaarsa hin dhabin haala kashalabbummaa isaa irraa kan ka’e barumsa isaa kutaa saddeet irratti dhiisee warra isaa jalaa badee magaalaa Finfinnee keessa hojii hanna irratti bobba’ee jiraata. Magaalaa Finfinnee gabaa ganda Agamsaa (Markaatoo) ,Malkaa Daabbuus (naannoo irraangadee karaa Charchil) Roobii (Nafaas silkii) Baddaa Ejersaa (Raas Kaasaa) Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) jedhamanii fi walumaa galatti gandoota garaa garaa magaalaa Finfinnee keessa nanaanna’uudhaan guyyaa boorsaa namaa keessaa qarshii fi qabeenya garaa garaa hatuudhaan, galgala ammoo, saggoo dhawuudhaan iddoo argate oolee kan bulu kashalabbee balaa hamaadha .Gocha hattummaa isaa kanaan yeroo baayi’ee hidhamee ba’eera.

Hojii humnaa hojjetee horii argachuurra hate jiraachuu filata. Hojii hojjechuu hin jaallatu.Gocha hanna kana irratti yoo milkaa’e kan hateen nyaatee fi dhugee ittiin oolee bula. Utuu hatuu yoo qabames hin na’u. Hin gaddus. Hin dhiphatus. Hidhamuun fedhii isaati. Qabamee hidhamees mana hidhaa keessa taa’ee nyaata garaa garaa firooti hidhamtootaa fidan nyaachuu waan bareef hidhamuun isaaf waan gaariidha..

Gaaf tokko hojii hanna irratti bobba’ee utuu hin milkaa’in oole. Gara dhiyaa jala beelli itti cimnaan gandumma Agamsaa keessaa hoteela tokko seenee ittoo Indaaqqoo ajejatee nyaatee harka isaa dhiqatee utuu hin kaffalin akka nama errega kaffalee bashannanaa ba’ee deeme.Hojjettooti hoteelichaas Joorseen kan kaffale waan se’aniif kaffali jedhanii isa hin gaafanne. Wayyaa gaggaarii namarraa hate sababii uffatuufis namni hattuudha jedhee isa hin shakku. Egaa haala kanaan utuu hin kaffalin nyaatee ba’uun kun tooftaa isaa keessaa tokkodha. Tokko tokko gocha isaa kana yoo irratti baranis poolisiidhaan qabsiisanii guyyoota muraasaaf isa hiisisu malee mana murtiitti isa himatee kan isa waliin deddeebi’ee falmu dhaqu hin jiru. Kana waan hubateef yeroo hatu soda malee gocha badii kana raawwata. Silaa baratee nama guddaa ta’uuf kaayyoo hin qabu. Haaluma kanaan Joorseen ammas gaaf tokko akkuma bare waan hatu dhabee beelli itti cimnaan ganda Qarsaa (Kaazaanchiis) dhaqee hoteela tokko seenee nyaata garaan isaa dharra’e ajejatee, nyaatee,harka isaa dhiqatee, boonaa qoma isaa dhiibee suuta jedhee utuu hin kaffalin ba’uuf yeroo yaalu keessummeessituun argitee “kaffali” jettee qabatte. Inni garuu akka waan mirgi isaa tuqametti keessummeessituu sanatti ija itti babaasee; “kaffaleera”jedhee falme. Keessummeessituun garuu akka inni hin kaffalle hojjettoota hoteelichaatti himnaan hojjettootis kaffali jedhanii jabeessanii isa hin dirqisiisne.

Joorseenis akka nama ulffinni isaa tuqameetti dheekkamaa ba’ee deeme. Joorseen tooftaa kanaan gaafa beela’u hoteelota garaa garaa seenee utuu hin kaffalin nyaatee ba’a ture. Gaaf tokko garuu ganda geeddaruudhaan ganda Caffee tumaa (Siddisti kiiloo) dhaqee hoteela tokko seenee nyaata barbaadu ajejatee erga nyaate booda harka dhiqatee ba’uuf yeroo yaalu qabame. Akkuma bare hojjettoota hoteelichaatti ija babbaasee kaffaleera jedhee dhaadachuu jalqabe. Yeroo kana sirriitti isa hordofaa kan ture keessummeessaan nyaata isaaf dhiyeesse Joorseen nyaata isa ajejee nyaateef errega waan hin kaffalleef akka kaffalu qabu isa akeekkachiise. Joorseen garuu utuu hin sodaatin keessummeessaa hoteela sanaatti garagalee” akkam hin kaffalle naan jette?” jedhee jeequmsa kaasnaan keessummeessaan nyaata isaaf fide sun morma isaa hudhee qabate. Yeroo kana hojjettooti hoteelichaa kaanis itti yaa’anii Joorsee qabanii gara golaatti harkisanii erga isa galchan booda akka hin duunee fi akka hin jiraannetti olii fi gadi lafarra isa harkisanii caccabsanii reebanii isa gadhiisan. Joorseen reebamus nyaatee sababii quufeef humaa itti hin fakkaanne. Funyaan isaa dhiige haxaa’achaa, fuula isaa dhidhiita’e sukkuummachaa hanga bayyaannatutti gimbii suuqii tokko jala taa’aa oole. Joorseen gaaf tokko ammoo ganda Golboo (naannoo Qiirqoos Qeeraa) jedhamu dhaqee utuma kan hatu gaaduu korojoo dubartii guddoo tokko butee utuu fiiguu poolisootaan qabamee mana murtiitti dhiyaatee ji’a sadii hidhameera.

Gaafa tokko ammas ganda Agamsaa keessa nanaanna’aa oolee dadhabee suuqii tokko jala taa’e. Gaafa sana ganamas guyyaas kan nyaatu hin arganne. Baay’ee beela’ee ture. Utuma taa’eee garaasaa hooqqatuu fuula isaa dura daandii qarqara kosii waraqaa baay’ee walitti qabame jala ilmoo hantuuta duute arge. Battalaan yaada tokkotu sammuu isaatti dhufe. Namni na argemoo nan argitee jedhee ofirra mildhachaa ilmoo hantuuta duute sana fuudhee Jaakkeettaa isaa keessa kaa’atee hoteela tokko gale. Akkuma bare nyaata fedhu ajejatee hunda nyaatee utuu hin fixin buddeen xinnoo irratti hambisee hantuuta duute sana suuta utuu namni isa hin argin jaakkeettaa isaa keessaa baasee buddeen hambise sana jala kaa’e. Kana booda keessummeessituu nyaata isaaf fidde waamee hogganaa hoteelichaa ykn hogganaa hojjettootaa akka isaaf waamtu ishee ajeje. Hogganaan hojjettootaa yeroo dhufu Joorseen haala dheekkamsaan;

Ani amma poolisiidhaan isin qabsiisuukooti”

Maaliif ? Maaltu bade?”

Nyaata tajaajilamtootaaf dhiheessitan qulqullinaan sababii hin dhiyeessineef ani raga qabatamaadhaan isin himadhee hoteela keessanin cufsiisa”

Maaltu hirdhate? Qulqullina maaltu hirdhatee? Yoo balleessine ammoo balleessaa keenya nisirreessina”Yeroo jedhu Joorseen hantuuta du’aa buddeena jala kaa’e itti agarsiise. Hogganaan hojjettoota hoteelichaa keessummeessituu sanatti ija itti babaase. Keessummeessituun sunis naasuudhaan harka ishee lamaaniin afaan qabattee fajajidee hantuuta duutee sahaaniirra jirtu ilaalte. Kan dubbattu wallaaltee callumma jettee takkaa hogganaa ishee, takkaa Joorsee, takkaa ammoo hantuuta buddeenaan maramee sahaaniirra jiru ilaalaa turte. Hogganaan hoteelichaa yeroo muraasaaf afaan qabatee calluma jedhee hantuuta du’aa buddeenaan maramee sahaniirra jiru ilaalaa erga ture booda, keessummoota nyaata nyaachaa jiran bitaa fi mirgaan ofirra miildhatee erga ilaale booda haala kadhaa fi naasuudhaan;

Maaloo gooftaakoo iccitii keenya kana nun saaxilin. Sagaleekees gadi qabi namni akka iccitii kana hin dhageenye”jedhee kadhatee qarshii dhibba lama Joorseef kennee, hatattamaan sahaanii hantuutni du’aa irra jirtu sana utuu keessummooti nyaata nyaatan hin argin qodaa kosii keessatti gate. Joorseen tooftaa kanaan nyaata barbaadu kaffaltii malee nyaatee, qarshii dhibba lamas fudhatee, qoma isaa dhiibaa, akka Leencaa boonaa, hoteela sana keessaa ba’e. Hiriyoota isaatu haala inni namaa fi poolisoota itti dhamaasurraa ka’uudhaan”Joorsee” Jedhanii moggaasaniif malee maqaan isaa inni dhugaa Boggaalaadha. Innis maqaa hiriyootisaa moggaasaniif kana hin mormu. Joorseen gaafa gara biraa tokko guyyaa guutuu waan nyaatu dhabee agabuu bule. Ganamaan ka’ee shira tooftaa garaa garaa yaadaa erga ture booda Suuqii tokkotti qajeele. Suuqiin kun karaa fuula duraa guutummaatti daawwitiidha. Joorseen dhagaa tokko karaa irraa fudhatee, suuqii kana dhagaadhaan daake. Battala kan namooti suuqii sana bira darbuu dhufanii fi meeshaa bitachuuf keessa turan, kotte nabaasii jedhanii naannoo sana gadhiisan. Poolisooti eessaa akka dhufan hin beekamne nama daawwitii suuqii sanaa cabse qabuuf namoota baqatan faana bu’an. Joorseen garuu hidhamuu sababii barbaadeef suuqicha fuula dura dhagaa ittiin cabse sana akkuma qabatetti dhaabbatee;

Anaan naqabaa kan cabse anadha”jedhee iyye.Poolisooti garuu maraata a itti fakkaatee ;

Deemi asii” Jehdanii ulee gommaa baataniin hudduu hudduu isaa irra waxalanii naannoo sanaa akka deemu isa ifatanii namoota shakkan qabanii gara waajjira poolisiitti deeman. Joorseen gaafa sana utuu qabamee hin hidhamin hafuu isaatti aare. Booda mana kaaffee tokko seenee, erga taa’ee booda shaayee fi keekkii sadii ajejatee, yeroo dhufuuf xinnoo turee utuu shaayee hin dhugin keekkii sadan sana waraqataan maree calluma jedhee ka’ee fudhatee ba’ee, deeme. Keessummeessituun keekkii fiddeef nama gara biraa keessummeessuuf asii fi achi sababii deemtuuf Joorseen yeroo ba’u isa hin argine. Namooti Joorsee cina taa’anii turanis nama sammuun tuqame waan itti fakkaateef itti hin dubbanne.

Gaaf tokko garuu dhaabbii Otobusii Agamsaatti shaanxaa imaltooti isa baachisan fudhatee miliquuf utuu yaaluu poolisootaan qabame. Itti deddeebi’ee yeroo baay’ee yakka hannaa gochuun isaa seeraan waan mirkanaa’eef manni murtii hidhaa wagga tokkoon akka adabamu itti murteesse. Joorseen hidhaas waan hin sodaanneef humaa itti hin fakkaanne. Turtii isaa waggaa tokkoo sana keessatti firooti hidhamtootaa nyaata garaa garaa fidan isaan waliin waan nyaatuuf itti tolee gabbatee hidhaasaa waggaa tokkoo raawwatee ba’e.

Joorseen erga mana hidhaa keessaa ba’ee booda gaafa tokko guyyaa guutuu utuu midhaan afaaniin hin qabin magaalaa keessaa jooraa oole.Utuu abdii hin kutatin hanga halkan walakkaatti golli magaalaa tokko utuu isa hin hafin sakatta’e.Dhuma irratti abdii kutatee iddoo bultii isaatti utuu deemuurra jiruu namticha gatiittii isaa irratti ba’aa baatee sardamaa gara isaatti dhufaa jiru tokko fuula isaa duraan arge. Joorseen battala kana cuubee isaa luqqifatee dhaabbatee isa eege.Cuubeedhaan waraanee erga ajjeese booda kan inni baatu irraa fudhachuuf yaade. Humnaan taanaanis irreen Joorsee irree korma dhayee lafatti dabaluu danda’u waan ta’eef namticha gara isaatti ba’aa baatee dhufaa jiru sana hin sodaanne.

Silaa sodaa kan jedhamu Joorsee bira hin jiru.Namtichi ba’aa baatee gara isaatti dhufaa jiru garuu gugguufaa waan deemuuf ol jedhee kan isa fuula dura jiru hin ilaalu. Lafa lafa ilaalaa dhufee Joorsee bira ga’e. Bttala kana Joorseen; ”Namichoo! lubbuu kee ni barbaadda yoo taate nagaadhaan kan baattu kana lafa kaa’iitii, iddoo dhuftetti fiigii deebi’i.” ittiin jennaan namtichi kan baatu sana lafa kaa’ee ofirraa gara galee karaa dhufe irra kotte nabaasi jedhee fiigee naannoo sanaa bade.

Joorseen yeroo kana baayi’ee gammade. Utuu waldhaansoof hin dhama’in waan barbaadu nagaan argate. Joorseen sardamuu isaarraa kan ka’e ba’aan sun maal akka ta’e hin ilaalle. Iddoo dhokataa ruuqa tokkotti goree ilaaluu wayya jedhee meeshaa sana lafaa fudhatee karaa asfaaltii guddaa irra baatee deeme. Adeemsi isaa akka fiigichaadha. Ba’aa sana mataa isaa irra kaa’atee tarkaanfii kudhan akkuma deemeen rifeensa mataa isaa irraan waan akka dafqaa gara fuula isaa irratti gadi yaa’e.

Joorseen utuu fagoo baatee hin deemin dafqi akkamitti narra lola’e jechaa kan fuula isaa irratti akka bishaanii dhangala’u sana harkaan ofirraa haxaa’achaa sardamaa yaaddoo sammuu isaatti dhufe tokko yaadda’uudhaan deema ture.Yaaddoon isaa kun “Poolisooti natti dhufanii qabanii na hidhu” kan jedhu osoo hin taane “Utuu meeshaa kana hiikee hinfudhatin Poolisooti natti dhufu” kan jedhu ture. Joorseen kana gumgumaa fiigicha isaa itti dabale. Garuu kan sodaate hin oolle. Poolisooti halkan keessaa sa’atii ja’a irratti qofaa isaa ba’aa baatee nama deemu shakkiidhaan dhabanii gaafachuu waan hin oolleef fageenyatti akkuma isa arganiin, kan inni baatuu maal akka ta’eefi eessaa akka geessu gaafachuuf “Eeenyu ati? Namichoo dhaaphu! Namichoo !Namichoo! Dhaaphu! Dhaaphu!” Jechaa qawwee itti aggaamanii gara isaatti fiigan.

Guyyichi Dilbata. Ganama irraa sa’atii 12:00 dha. Dukkanni halkanii sirriitti lafa hin gadhiisne.Tigist qofaa ishee bataskaana deemuuf manaa baatee daandii qalloo ganda isaaniirra buute.Sa’atii isheen manaa baate kanatti daandii kanarra isheerraa kan hafe namni gara biraa asiifi achi irra darbu hin turre. Tigist baayi’ee sodaatte. Manaa baatee gara bataskaanaa, gara magaalaas haata’u gara waajjira ishee deemuuf daandii qalloo kanarra deemuu qabdi malee karaan gara biraa irra deemtu hin jiru. Daandii qalloo kanarra ganamas haata’u galgala yeroo namni hin jirre qofaa ishee irra deemuu ni sodaatti. Keessumaa sodaan ishee kan itti caalummoo yeroo mana jaalallee ishee durii bira darbuu geessudha.

Jaalalleen ishee durii kun Yaaragaal jedhama.Manni isaa daandii qalloo kanarra. Egaa Tigist mana ishee keessaa baatee gara dhimma isheetti demuuf mana jaalallee sihee kana bira darbitee deemuun dirqii itti ta’a. Manni lamaan isaanii toora tokko irra jiru. Ollaadha.

Tigist sa’atii kanaan daandii namni irratti hin muldhanne kanarra akka Yaaragaal ishee hin barreef “naxalaa” (wayyaa Habashaa) mataa isheetti aguuggattee jalaan ammoo wandaboo Shaamaa burree uffattee sodaa fi birdhuu guddaa dhaan deemaa dhuftee mana jaalallee ishee kana bira geese. Kan sodaatte hin hafne. Ija Yaaragaal jalaa dhokachuu hin dandeenye.Yaaragaal haala kanaan qofaatti ishee argachuu isaatti baayi’ee gammade. Sitti hin heerumu jettee erga isa dhiistee waggaa hin guunne. Sababii kanaanYaaragaal Tigistitti aaree haaloo itti qabatee haala mijaawaa eeggachaa jira. Ganama sana Tigisti mana isaa bira yeroo geessu Yaaragaal ishee arge. Battalumaan mana isaa keessaa utaalee ba’ee karaa dudda ishee duubaan harkaan afaan ishee ukkaamsee qabe. Itti aansee akka isheen hin iyyineef wayyaa “naxalaa” isheen uffattuun afaan ishee cuqqaaluudhaan ol fuudhee baatee mana isaa keessa galche. Balabala mana isaa cufate. Sababiin Tigistii fi Yaaragaal jaalala itti jalqabanis, bara dheeraaf ollummaadhaan waliin jiraachuu isaaniti. Tigist garuu Yaaragaaliin dhiistee jaalallee ishee ammaa Kifloom jedhamutti heerumuuf ji’oota muraasatu ishee hafe. Kifloom Ameerikaa deemuuf hunda raawwateera. Kan isaa hafe cidha Tigistii wajjin ji’oota muraasa booda raawwatu qofadha. Tigistis Yaaregaaliin dhiistee Kifloomiin kan filattes jireenya gaarii gara fuula duraa biyya Ameerikaa Kifloomii wajjin jiraattu kana abdachuudhaan ture. Tigisti Yaaragaal wajjin walfuudhuuf waadaa dhaan hiriyummaan waliin haaturtu malee durbummaa ishee isaaf hin laanne. Egaa durbummaa ishee akka eeggattetti Kifloomitti heerumuun ishee kun ammoo Yaaragaaliin hinaaffaa fi xiiqii guddaa keessa isa galche. Yaaragaal amma Tigistiin ukkaamsee mana isaa keessatti galchee, balbala itti cufuun isaa, humnaan butee ganduma kana keessa waliin jirachuuf miti. Kun akka isaaf hin danda’amne beeka. Ishee ukkaamsee biyya biraatti fudhatee yoo bades achitti dirqiidhaan isa waliin akka hin jiraannes beeka. Garuu bara jaalalaan waliin turan gaafa ishee fuudhu irraa fudhachuuf kan kaa’e durbummaa ishee utuu Kifloom irraa hin fudhatin hardha irraa fudhachuuf yeroo gaarii argate. “…Ergan durbummaa ishee irraa fudhate booda nama barbaaddetti yoo heerumtellee hin gaabbu..” jedhee yaade. Yaadi kun kan amma isaa dhufe osoo hin taane yeroo fi haala gaarii eeggachaa ishee gaadaa ture. Egaa hinaaffaan kan isa gubaaa ture durbummaa ishee utuu irraa hin fudhatin nama gara biraatti heerumuu isheeti. Yaaragaal hablee baafatee,”…Elaa nan iyya yoo jette hablee kanaan tokkichumaan mormakee kuteen gata” jedhee wayyaa afaan ishee itti cuqqaale hidhe irraa hiikee “….Utuu ijikoo arguu, utuun lubbuun koo jiruu dhiira gara biraatti hin heerumtu.”Ittiin jedhe. Isheen garuu “Ani kanaan duras sitti himeera. Maaliif narakkistaa mooloo? Maaloo amma nagadhiisi nan deemaa”Jettee isa kadhattellee Yaaragaal garuu tole hin jenneen. Tigist Yaaragal harkaa ba’uuf baayi’ee warraaqxee isa rakkisnaan baatee siree irratti ishee darbate.Battala kana Tigist ariifi xiiqiidhaan;

Ati horiidha. Nama miti. Dhalli namaa jaalalaan malee humnaan jaalala argachuu hin danda’u. Kan humnaan fedhiisaa raawwachuu yaalu horiidha.Jaalalli fedhiidhaan malee nama sodaachisuu fi humnaan hin argamu”Ittiin jette. Yeroo kana Yaaragaal hinaaffaa garaa isaa gubaa jiru kana irratti arrabsoon ishee kun akka abiddaa isa gubnaan aariidhaan habilee itti aggaame. Isheenis aarii fi xiiqiidhaan habilee harkatti qabatte.Habilee harkaa butuuf baayi’ee carraaqxe. Qabsoo kana gidduutti habileen sun qoma Tigist keessatti hordame.

Yaaragaal Tigistitti habilee kan luqqifate ishee sodaachisee qabsoo malee durbummaa ishee irraa fudhachuuf ture malee ishee ajjeesuuf hinturre. Ishee ajjeesuufis kaayyoo hinqabu. Tigist habileen sun akkuma qoma ishee keessa galeen lubbuun ishee dafee keessaa hin bane. Lubbuun ishee gidiraa guddaa argite. Yaaragaal mana waldhaansa fayyaatti ishee geessuuf ni sodaate.Situ ishee waraane jedhamee akka yekkamu waan beekuuf sodaate. Yeroo namni isa hin argine galgala fuudhee yoo deemes gaafatamuun isaa hin hafu.Kanas hubateera. Yoo calluma jedhee ishee ilaales utuu ijisaa ilaaluu du’uun shee hin hafu.

Haala kanaan baayi’ee yaadaan dhiphate. Tigist”Bishaan bishaan bishaan”Jechaa aadaa baayi’ee erga turte booda sa’atii 7:30 irratti lubbuun keessaa baate.Dhiigi karaa qomaa ishee, karaa,afaaniifi funyaan ishee keessaa akka bishaanii lola’e.

Yaaragaal naasuudhaan kan godhu wallaale.Asiifi achi gara galchee ishee ilaale.Hafuurri ishee keessa hin jiru Baayi’ee na’e.Yekka nama ajjeesuudhaan hidhamee du’i akka itti murtaa’u sababii beekuuf baayi’ee sodaate.Baayi’ees gadde.Battala habileen sun ishee waraaneen utuu mana waldhaansa fayyaa geessee silaa fayyuu dandeessi turte. Garuu gargaarsa waldhaansa fayyaa dhabuudhaan sa’atii dheeraa dhiigi baayi’ee sababii dhangala’eef gidiraa argitee du’uu dandeesse.

Yaaragaal reeffa Tigist mana isaa keessaa baasee fageessee gatuuf guyyaa kanaan sababii hin danda’amneef hamma halkaniitti turuun akka isarra jiru hubate. Hanga sanaatti qophii barbaachisu gochuuf yaade.Haaluma kanaan laastikii gurraacha gabaadhaa bitee dhufee reeffa isheetti maree wadaroodhaan xaxee kaa’e. Haala kanaan mana oolee sa’atii namni daandii qalloo ganda isaaniirra hin jirre halkan sa’atii ja’a yeroo ta’u reeffa baatee karaa asfaaltii guddaatti ba’e.Karaa guddaa kanarra namni deemu hin turre.Nama tokko qofaatu fuula duraan itti dhufe.Namni kun hanga Yaaragaal deemaa dhufee isa bira ga’utti dhaabbatee isa eege. Hattuu saggoo rukutu ture. Waanbadeen kun Yaaragaaliin habileedhaan waraanee lafaan dhayee kan baatu sana irraa fudhachuuf yaade. Habilee hidhate mudhii isaarraa luqqifatee, Yaaragaal yeroo isa bira ga’u; “…Namtichoo! meeshaa baattu kana lafa buustamoo habilee kanaan qalamtee du’uu siif wayyaa?…“Ittiin jedhe. Yaaragaalis;

Maaloo gooftaa koo nan ajjeesin kan barbaaddu fudhadhu. Yoo jaalalakee ta’e ammoo anaafis utuu xinnoo irraa naaf hirtee…”Jedhee kadhate. Hattichi garuu kadhaa Yaaragaal hin fudhanne;

Amma meeshaa baattu lafa kaa’iitii gara dhuftetti fiigi.”Ittiin jedhe. Yaaragaalis fakkeessuuf “Maaloo xinnoo irraa naa hiri”ittiin jedhe. Hattichis;

Ani kan siif hiru hin jiru. Amma meeshaa baattu kana suuta jedhii lafa kaa’ii karaa dhufte irra utuu gara duuba kee hin ilaalin gara fuula duraakeetti fiigii badi.”Ittiin jennaan Yaaragaal reeffa laastikiitti maree baatee gatuuf deemu nama isa harkaa fudhatu argachuu isaatti baayi’ee gammaduudhaan ba’aa isaa sana suuta lafa kaa’ee gara dhufetti kotte nabaasi jedhee fiigee naannoo sanaa deeme. Hattichis kan Yaaragaal lafa kaa’eef fuudhee baatee utuu sussukuu Poolisooti isa arganii “…Namichoo dhaaphu ! Namichoo dhaaphuu!”jechaa duukaa fiignaan.Hattichi dhaabbachuu didnaan qawwee gara waaqqatti dhukkaasan. Battala kana hattichi narukutu jedhee sodaatee dhaabbate. Kana booda meeshaa baatuu wajjin isa qabanii waajjira Poolisiitti deeman. Poolisooti afran erga hatticha waajjira Poolisii keessa galchan booda qorataan yekkaa galgala sanaa meeshaan baatu kun maal akka ta’ee,eessaa akka fideefi eessa akka geessu erga gaafate booda hiikee akka isaanitti agarsiisu isa ajaje. Hattichis deebii kennu dide. Akkuma haala isaa yeroo kaanii calluma jedhe.“Yoo nagaafatan maal fiduu? Nahidhu malee maal na godhuu ?”kan jedhu fakkaata.Yeroo isaan gaaffii garaa garaa isa gaafatan calluma jedhee isaan ilaala ture.

Wayyaan hattichaa dhiigaan faalamee ture.Gatiittiin reeffaa itti baatefi karaa dudda isaa duubaan laastikii keessaan dhiigi itti dhimmisuudhaan irratti coccobeera. Yeroo isa sakatta’an habilee luqqeettuu isaa karaa bitaan qabattoo isaa irratti gadi suuqqate hiiksisan.Dhiigi laastikii keessaa dhimmisaa ture habileesaa jiisee ture. Habilee isaan yekka akka hojjete ragaa tokko itti ta’e. Kana booda meeshaa baatee deemu sana hiike. Hattichi kan laastikii dhaan maramee hidhamee baatee deemaa ture reeffa ta’uun isaa kan bare yeroo kanadha. Battala kan baay’ee na’e.Poolisooti kutaa qorannoo yekkaa keessa turan hundi bay’ee na’an. Dubbiin kunis baayi’ee isaan ajaa’ibe. Hattichis utuu waa hin dubbatin reeffa baatee deemaa ture kana calluma jedhee akka raajiitti ilaala ture.

Hattichi kun erga dhalatee hojii hannaa kana irratti bobba’ee akka ammaa na’ee hin beeku.Haalli ta’aa jiru diraamaa taatoti taphatan itti fakkaate. Poolisoota hunda dabaree dabaree dhaan ilaale. Qorataan yekkaa gaaffii isaa itti fufe; ”Akkamittiin, maaliif, eessatti akka ajjeeste natti himi” “Ani intala kana hin ajjeesne. Isheenis eenyu akka taate hin beeku. Namticha tokkotu nabaachisee bade,” jedhee deebii kenne. Kan ishee ajjeese isa akka hin taane haala jeeqameen irra deddeebi’uu dhaan hime. Poolisiin qorataa yekkaa sun utuma hatticha gaafatee galmeessuu gidduutti kan barreessu dhaabe. Qabannoo bilbila itti dubbatan kaasee, bilbilee, namoota gaafachuu barbaadu waame. Itti aansee hatticha gaafachaa galmeessuu itti fufe. Qorataan yekkaa kun Poolisoota afran isa qabanii fidanis tokko tokkoon gaafatee galmee irratti barreesse.

Namooti bilbilaan waamaman dhufnaan, Poolisiin qorataa yekkkaa sun reeffa hattichi baatee fide itti agarsiisaa,”…Mee reeffa kana ilaalaa!.Intala keessan ganama manaa baatee hin deebi’in haftee dhaa? Mee sirriitti ilaalaa! Ganama yeroo manaa baatu wayyaa isheen uffatee baatee fi mallattoo gara biraa ishee ittiin adda baastan yoo jiraate sirriitti ilaalaa!…”Jedhe. Haatii fi abbaan Tigist akkasumas ollooti isaan wajjin dhufan reeffa laastikiin marame kana ilaalan. Intala isaanii Tigist ta’uu ishee mirkaneeffachuudhaan iyyaa fi boo’ichaan waajjira poolisii sana jeeqan. Poolisootis isaan tasgabbeessuu yaalan. Haatii fi abbaan Tigist garuu balaa suukanneessaa intala isaaniirra ga’e kanarraa kan ka’e of to’achuu fi tasgabbaa’uu hin dandeenye. Hattichi Joorsee ture. Kan ta’e hundi abjuu itti fakkaate.

Asoosama kana hayyama barreesichaa ala diraamaadhaanis ta’e barruuleefi sabquunnamtii gara biraa irratti baasuun seeraan nama gaafachiisa.

Isaayyaas Hordofaa Miijana tiin

Siifsiinayaana@gmail.com

Advertisements