Eenyumaan Beekumsaa

Maalummaan Dubbisuu

Seenummaan Addunyaa

Keenyummaan Guddisuu

Inni Sun Kun Galeef

Qaroomeet Jiraata

Kitaabuma Dhugee

Kitaabuma Nyaata

Fuula Irraa Manca’e

Naanna’ee Barbaada

Dhaloota Dhufuufis

Fageesetoo Yaada

Kan Galuun Hin Galleef

Irratti Barreessa

Fakkii Wayii Kaasee

Kan Ture Balleessa

Yookaan Jidduu Isaatii

Suuraa Buqqifata

Eenyunni Maal Godhe?

Jedheet Iyyaafata

Kan Galuun Hin Galleef

Jimaadhaan Marata

Kukkuteet Sukkaara

Ittiin Gurgurata

Inni Bitatullee

Mammaree Darbata

Meeshaasaa fudhatee

Waraqicha Gata

Inni Galeef Garuu

Walitti Maxxanseet

Irraa Dubbifata

Fuula Kaan Dubbissuuf

Jimaa Bituu Dhiisee

Kitaaba Bitata

Jiruusaa Tolfata

Ofiifis Jiraatee

Addunyaaf Guddata

Ganda Labuu Dhiisee

Kaayyoosaaf Jiraata

Dhamaateesaa Booda

Miindaasaa Fudhata!

Wubee Taaffaasaa

Barattuu Yuunivarsitii

Amboo waggaa 3ffaa

2 thoughts on “Kitaabuma

  1. Siifsiin Website mataa isheetiin ergaa addaa addaa qabattee dhiyaattee jirti, ergawwan ishees, barnoota, beekumsa adda addaa fi Asoosama akkasumas walaloowwan uummata boo’aarsan of keessatti qabattee jirti , isinis akkuma kanaan duraa yaada keessan karaa websitii keenyaa like gochuun, barreessuun barnoota ga’aas argachuu dandeessu.

    Liked by 1 person

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s