Kutaa Geggeessummaa Ilaalcha Guddina Dagaagfachuu.

Kitaaba CarolDweck’s (Kaarol Diweek) keessatti, ilaalcha Yaad- sammuu: ilaalchi adda addaa ilaalcha namootni ofiif qabanii fi namoota kan biro wajjin walitti-dhufeenya isaan taasisan hammam jijjiiruu akka inni danda’u milkaa’ina xinsammmuu dhiheenyatti argamerratti xiyyeeffatee barreesseera.Akka qorannoo kanaatti ilaalchi bu’uraa namoonni itti fayyadaman bakka lamatti qoodamanii ilaalamu .Isaanis Ilaalchaa dhaabbataa fi ilaalcha guddatu jedhamu.

Namootni ilaalcha dhaabataa qaban haala kamiin illee dandeettiin isaan qaban fooyyaa’u akka hin dandeenyeetti amanu. Sababiin isaas, isaan akkasii kun uumaman dandeettiin argadhe murtaa’aadha jedhanii waan yaadaniif of fooyyeessuuf tattaaffii hin taasisan. Namootni ilaalcha dhaabbataa qaban kun yeroo baay’ee haalawwan danqaa qaban akka hin uumamne taasisu; sababiin isaas danqaan kun kufaatii fida jedhanii waan amananiif jecha ilaalcha isaanii guddisuuf akka carraatti itti hin fayyadaman.

Namootni ilaalcha guddinaa qabaatanii hojii irra oolchani immoo dandeettiin yaalii gochuudha jedhanii waan amananiif dandeettiin akkuma tapha kubbaa miillaa fi akkuma dandeettii hojii herregaatti nuffii malee irra deddeebi’anii hojjechuun akka fooyya’uu danda’u amanu.

Gufuun adda addaa yeroo isaan mudatus warri ilaalcha guddinaa qaban utuma ilaalanii danqaatti deemu. warri akkasii kun yeroo baay’ee kufaatii isaanii akka carraatti ilaalanii ittiin of fooyyeessuu malee kufaatii hin sodaatan. Ilaalchi ijoollummaatti jalqabee ga’eessummaatti guddachaa deema. Akkasumas maatii fi walitti dhufeenyarraa ka’ee gara ‘ispoortii’ fi Jiruutti ce’uudhaan jireenya keenya gara sadarkaa adda addaatti guddisa.Gaggeessitootni milkaa’oo ta’an dirree daldalaa irratti, dirree siyaasaarratti , dirree muuziqaarratti akkasumas dirree saayiinsii fi ‘ispoortii’ irratti ilaalcha isaanii dagaagsuudhaan kaayyoo fi abjuu isaanii galmaan ga’atu.

Guutummaa kitaaba kana keessattii ergaa baay’ee barbaachisaan ilaalchi kee kan jijjiiramuu hin dandeenye miti. Ilaalchi guddinaa amantaa ati jijjiirama irratti qabdu dha ,kanaafuu jireenyaan sadarkaa kam irra illee yoo jiraatte amma iyyuu jijjiirama fiduuf duubaatti akka hin hafin si beeksisuuf si fayyada. Jijjiiramni kunis danqaadha garuu waan bu’a-qabeessaa fiduu danda’udha.

Dhaabbata Leenjii geggeessummaa tiin.

Advertisements