Kaayyoof

Halkaaniifi ganama addaan hinbeeku. Halkan isaaf bariidha; ganamni immoo isaaf guyyaadha. Halkan baha; halkan gala. ni fiiga; takka turu immoo ni sussuka. Barii waca sinbiraafi yaasa saree baha. Halkaan bobbaa bineensotaa gala. Fira hinqabu; rakkina garuu hindhabu. Ganama barii Gaara Cilaalootti ol lulluka. Gabaa hin ooluu yeroo achi gahe akka cabbii cabbaa’a. Qorri Gaara Cilaaloo bira gahanii mitii magaalaa Asallaa keessattuu nama kotteessa. Gaaddisaan kana hunda danda’a. Qorradhe; natti oo’e hinjedhu.

Gaaddisaan achuma magaalaa Asallaa ganda 02 keessatti dhalate. Ni dhalate jechuurraa jireenya gadadootti madaqe jechuu wayya. Abbaafi haadha isaa hinbeeku. Haatisaa aaddee Jiituun osoo mana sagada Ortodoksii Maariyaamii, kadhata kadhachuuf halkaan saa’atii 10 irratti maatiishee biraa kaatee osoo deemtuu Kashalabbeen dhugaatii dhugaa bulee karaa irra deemu tokkoon gudeedamte.

Guyyuma sana Gaaddisaan garaatti uumame. Jiituun halkan gaafa sanaatiifi guyyaa dhalootashii abaaraa, iyyasa na baraaraa dhageessisuuf yoo jettu irreen Kashalabbichaa afaan ishii cuqqaalee itti cimee harka kennatte. Innis fedhii isaa raawwatee gara dhufetti deebi’e. Jiituunis kukkufaa, takka immoo duddufaa dhiigashii of irraa haqattee akka maatiin irratti hinbeekneef mana sagadichaa geessee deebitee galte. Boodas, yeroo ulfi itti guddachaa deemu wayyaa bal’aa ulfa dhoksuu danda’u uffachuu jalqabde.

Tattaaffiin ulfa ishii dhoksuu garuu, ji’a shan caalaa milkaa’uu hindandeenye. Booda keessa haatiishii aaddee Caalchiseen irratti barte. “Yaa Rabbi maal natti fidde; biyya itti kabajamne keessatti nu qaanessite” jechuun abbaa manaashii obbo Qalbeessaatti himte. Qalbeessanis, kana yeroo dhagahu Jiituutti rukkuttaafi arrabsoo itti cimse. Gaaf itti caalsifate immoo Qawwee fudhatee ajjeechaaf ishii doorsisa. Haalashii mudate hunda tokko tokkoon itti himtullee namashii dhagahu dhabde. Kanumaan maatiishii dhiistee kophaatti mana kireeffattee jireechuu jalqabde.

Barumsashii kutaa 10’n geessees addaan kutte. Argattu nyaachaa, dhabduu immoo beela buluu jalqabde. Bakka baay’ee rakkatteetti immoo hiriyaashii waliin barachaa turan Boontuu rakkisuu hinoolle. Boontunis, garaa itti hinjabaattu. Maatiishii biraa buddeen tokko, lama, gaaf gaaf immoo mallaqa dibata akka ittiin bitattuuf kennameef irraa xiqqoo hir’istee kan Daabboo tokko bitu kennitiif. Jiituun, “Maal qaba osoon guyyaan dhaladhu sana garaa haadhakoo keessatti bishaan ta’ee hafee” jettee guyyaa dhalootashii abaarti. Ulfa garaatti baattee hojii humnaa hojjeechuu erga jalqabdee bubbultee jirti. Osoo haala kanaan oliifi gadi tattaafattuu guyyaan dhalachuu Gaaddisaa gahe. Jiituunis, gargaarsa Boontuufi haadha Boontuu aaddee Tolaashiin ciniinsuu guddaa booda Gaaddisaa dub goote. Hanga torban lama guuttutti gargaarsuma isaanitiin jiraatte. Maatiinshee bakkasheen jirtu lagatan. Dhala isaanii ta’uushii waakkatan. Gaaddisaan dhalatee ji’a tokko yeroo guutu, Jiituun suuta jettee dukkana uffattee, karaa mana sagada Maariyaamii geessu bakkasheen itti gudeedamteefi Gaaddisaan garaatti uumame sana, bakka Baahargamoon walitti tuuta’anii jiran sanatti gattee, ofii immoo biyya gadii dhiistee badde.

Gaaddisaan guyyaa sana irraa jalqabee harma haadhaa lagate. Aaddee Warqeen osoo mana sagadichaa deemtuu, Gaaddisaa wayyaa bututtuun maramee taa’u agartee naasuun, “Nan bade!” jettee lafaa ol kaafteee fudhattee gara mana ishiitti galte. Warqeen dhala waan hinqabneef akka dhalasheetti guddiste. Garuu qabeenya waan hinqabneef waan hunda seeraan guutuufii hindandeenye. Osoo inni guddatee hojiif hingahiin yeroo waggaa torba ta’u namoota ollaa waliin Gaara Cilaaloo deemee qoraan akka guuruuf ajajji. Innis Quncee mukaa quncisee qoraan guure walitti hidheuun jalatti dudduufaa mataa isaa irra buufatee, takka kufaa, takka immoo dafqa haqachaa Gaara Cilaaloo keessaa qoraan baatee manatti gala. Yeroo waggaa kudhan guutu kophaasaa dhaqee Gaara Cilaalootii qoraan guuruu jalqabe. Qoraan guurees gabaa magaalaa Asallaa geessee gurguruun Warqee fi ofiisaa jiraachisuu jalqabe. Galii qoraan gurguru irraa argatuun barruu fi qalamas bitatee barumsa jalqabe. Ganama barumsa isaa dhaqqabuuf jecha barraaqa Gaara Cilaaloo of funduratti ilaalaa qoraan guuruuf itti ol kaata. Gaarri Cilaaloos qorra isaa nama cabbeessu sanaan isa simata. Gaaf tokko tokko immoo yeroo barumsaa deebi’u guyyaa gabaa ba’aa baata. Gaara Cilaaloo irraa qoraan guuruun dhowwamnaan, jireenya moo’achuuf, barumsa isaa itti fufuuf muka soofee Mismaaraan walitti rukutee Duukkaana xiqqoo tokko tolfatee, fannoo itti godhatee, Koshooroo, Sigaaraa, kaardii Moobayilaafi Sooftii keessa busee garaasaa irratti baatee magaalaa Asallaa keessa asiifi achi naanneessuun gurguree Warqeefi of jiraachisuu, barumsasaas itti fufe. Barumsasaa yeroo hojii galuufi halkaan irriiba dhabee qayyabata. Barumsa isaatinis baay’ee cimaadha. Bara hundaa dareesaa keessaa tokkoffaa bahee badhaasa fudhata. Kanaanis mana barumsaafi barsiisota isaa biratti beekkamtiifi jaalala argate. Keessattuuu barsiisaan isaa Waaqumaan gaaf tokko osoo inni gabaa keessa deemee ba’aa baatuu argee seenaa isaa gaafatee waan bareef ni jajjabeessa. Barattoonni waa’ee isaa beekan baay’een isaanii, isa gargaaruuf yeroo mallaqa kennaniif, “Ani mallaqa keessan hinbarbaadu; humnaan qaba. Umurii kanaan ani hojjedhee argachuu dhiisii nama biraayyuu jiraachisuu nan danda’a. Deemaa warra akkakoo humnaafi dandeettii hinqabne isaan gargaaraa. Ana amma kan na barbaachisu gargaarsa mallaqaaa osoo hintaanee gargaarsa hamileeti” jechuun deebisa. Kuuwwan, “Gaaddisaan barataa cimaadha. Garuu, maal godha waa hinqabu hiyyeessa; haadhaafi abbaa hinqabu. Akka Harree abbaa hinqabnee namni barbaade ba’aa isa baachisa” jedhuun. Gaaddisaan garuu, “Baraafi Murxuuxee gad jedhanii jala darbu” jedhee obsa. Nan miidhame nan balaaleffatamees hinjedhu. Yeroo hunda hiriyaan isaa barruulee isaati. Nan boqadha hin jedhu. Galu qayyabannaa bahu hojiidha. “Sareen kan maal qabdu Udaan qabbaneeffatti” jedha. Sana korsiisee sana immoo buusa. Haala kanaan barumsa isaa barachaa hojii isaas itti fufe. Jireenyasaa keessatti guyyuma tokko rakkinaaf harka kennee hinbeeku. Gaaddisaan abdii kutachuu hinbeeku. Moo’uu malee moo’amuu hinjaallatu. Abjuun isaa hundi moo’udha. Mul’anni keessa isaatii burqu hundi abdiin kan guutameedha. Nama kaayyooti. Kaayyoof jiraata kaayyoof du’as. Booreef boora’a. Kaayyoof beela’u beela’e hinjedhu. Kaayyoof dheebotuus dheebodhee hinbeeku. Midhaan irra kaayyoo beela’a bishaan irras kaayyoo dheebota.

Barumsasaas jabaatee barachuun kunoo har’a Meedaliyaa Warqee fudhatee Yuunivarsitii Jimmaa irraa Ogummaa Fayyaatiin eebbifamee Hospitaala Adaamaa keessatti qacaramee hojjeta. Imaanaa itti kennames amanamummaan raawwata. Hundaaf garaa laafa. Kan dhukkubsatu waliin dhukkubsata. Kan dhukkubsatee isa biratti yaalame hundi akka firaatti deddeebi’anii isa gaafatu. “Harki Dr. Gaaddisaa dawaadha. Osoo inni daawaa biraa namaaf hinkenniin faarri namatti deebi’a” jedhuun. Kanaanis hojjettoota Hospitaalichaafi wal’aanamtoota hunda biratti kabajaafi jaalala guddaa qaba.

Siisay Rattaa Dhaabii tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s