Afaan Oromoo: Afaan guddicha

Dhala namaa bineensotaa fi uumama lubbu qabeeyyii kanneen biroo irraa waan adda baasan keessaa inni tokkoo fi guddaan afaan ykn qooqaa jechoota hedduu seeraan wal duraa duuba tarreeffamanii himaan yaada dabarsaniin dubbatee waliif galu qabaachuu isaa ti. Afaan ittiin waliigalamu kunis meeshaa duudhaan, safuun, eenyummaa fi aadaan saba tokkoo ittiin ifatti ba’u (dha). Uummanni afaan ofii qabutti garagaaramee dubbachuu, dhaggeeffachuu, barreessuu, dubbisuuf qorannoo fi qu’annoon yeroo ittiin adeemsifamu akkaataan guddinasaa saffisa cimaa qabaata.

Uummatni Oromoo, Uummata aadaa dagaagaa qabuudha. Aadaan Uummatichaa bifa baay’een calaqqisan keessaas og-barruun isa tokko. Afaan dhalataan Oromoo guyyaa itti dhalatee jalqabee, hanga lubbuun isaa lafa kana irra jiruutti akkaataa itti Uummata isaa waliin jiraatu, yeroo gaddaa fi gammachuu isaa akkaataa itti dabarsu, aadaa fi Uummata isaaf kabaja inni qabu, mataa isaa akkaataa itti naamusaan qabuuf jireenya hawaasummaa keessatti itti hirmaatu murteessa (Misgaanuu, 2011).

Afaan Oromoos, qooqa Waaqayyo Uummata Oromoof kennee ittiin uume, damee afaanota warra Kuush keessaa isa guddaa fi bal’aa ta’uu isaa seenaan barreeffamaa turan ni addeessan. Haa ta’u malee afaan Uummata guddaan dubbatamu kun afaan hojii fi barreeffamaa akka hin taaneef sirnoota bulchiisa biyyattii irraa bara dheeraaf afaan dubbii qofa ta’ee akka turuuf gadi qabamee ture.

Yeroo ammaa kanatti garuu hawaasichi afaanii fi aadaasaa bilisa ta’ee dagaagsuu fi guddifachuu irratti argama. kana ilaalchisee keewwaata 5 lakk 1 qooqni Itoophiyaa kamiyyuu mootummaa biratti beekamtii walqixxee qabaatu “All Ethiopian Languages shall enjoy Equal state recognition” jedha (Hiikni kanaa: Afaanotni Itiyophiyaa hundi mootummaa dhaan wal qixa fudhatama (beekumsa) qabaatu). Carraan heera mootummaatiin argame kun ammoo akka og-barruun saba tokkoo dagaaguu fi guddatuuf balbala banee jira. Uummanni Oromoos carraa kana keessatti fayyadamaa ta’ee jira. Carraa Qubee Afaan Oromoo ittiin barreessuuf mijatu kalaquu fi bocuu keessatti gootni Oromoo Sheek Bakirii Saphaaloo kan iddoo guddaa qabu yoo ta’u, kanneen akka Hiika Awaajii (Onesmoos Nasibii)fi Aster Gannoo ammoo seenaa guddina og-barruu keessatti kan hundee gaarii saba Oromoof kaa’anii darbaniidha.

Galanni guddaan Waaqaa fi sabboontota Oromoo kanneen afaan kun afaan hojii akka ta’uuf itti wareegamaniif haa ta’u malee har’a gaadii  keessa ture irraa furamee, qubee barreeffamaa isaaf ta’u argatee afaan hojii fi barreeffamaa ta’ee jira. Akkasumas Abbootiin keenya akka har’a barumsaa fi quunnamtii osoo hin hinjirattiin Mammaaksa, Sheekkoo, Oduu durii, Hibboo fi wkf keessaan dhaamsa ykn barumsa isaan nuuf dabarsan waan kana jedhamuu mitti . Kanaaf Afaan Oromoo yeroo amma qoranna fi hojii ammayyaaf gumaacha akka kennu godhee jira.

Ogbarruun faayidaa hammana hinjedhamne ilma namaaf kenna. Kanneen keessaa muraasni: sammuu gabbisuu, ija banachiisuu, bashannansiisaa barsiisuu, eenyummaa hubachiisuu, bal’isanii akka yaadan gochuu, onnachiisuu, aadaafi duudhaa hawaasaa dhalootaaf dabarsuu, falaasamaa fi seenaa duraanii asfiduun jiruu har’aa qajeelchuu, ittiin qaroomanii dorgomaa addunyaa kanaa ta’uufi kan kana fakkaatan fa’iif ooluu danda’a. Maddi barreeffamaa Oromoo lafa xaa’oo ogbarruun irratti margudha.

Sababbin isaa Afaan Oromo baranee miti; afaan waggoota/ganna kumoota dabarse malee. Ganna kumoota keessa darbaa dabarsa dhalootaa dhalootatti fufee har’a gahe. Kannaf afaan kun lataa, daraaraa fi mandiyaa jira.

Dagaagina Afaan Oromo Maaltu Agarsiisa? Afaan Oromo guddicha ta’uu wantootni mullisan jiru. Kanneen keessaa tokko jechoota bayyee qabachuu isaa ti. Kana alagaan illee, keessumaa Amaarri, bifa adda addaa tiin ni hubata. Jechoota keenya hedduu fudhataniiru waan ta’eef. (Hayyotni isaanii akka jedhanitti Amaarinyaa keessaa dhibeentaan 30 Afaan Oromo irraa fudhatame). Baayyinni jechoota Afaan Oromo kun bifa adda addaa tiin mullata.

Jechoota bakkaa bakkatti hiika tokko qaban: Inni tokko jechootni hiika tokko qaban (dhimma tokkicha agarsiisan) baayyachuu dha. Fakeenyaaf jechi “baayyee” jedhu kun jechoota dhimma kana (baayyina) agarsiisan biroo yoo xiqqaate sadiitu jiru. Isaanis dannaba, danuu fi hedduu dha.

Jechootni kun qubsuma ykn teessuma lafa jireenya ummatichaa irratti hundaa’ee bakkaa bakkatti inni tokko isa biroo caalaa hubatamuu danda’a. Baayyee inni jedhu gara dhihaa fi walakkeessatti ballinaan beekama. Danuu fi dannabnis gara dhiha bahaa (south west) fi dhihaa akkasumas walakkessa bahaatti (east central) ballinaan beekamu. Hedduun immoo caalmaan bahatti beekama. Caalmaa jechuun kan barbaachise hundinuu bakka hundattuu ni beekamu isa jedhu agarsiisuufi.

As irratti hunda kan jedhu illee akkasuma. Hunda kan jedhu mara fi cufa qaba. Mara kan jedhu irra guddeessa Arsiitti beekama. Wanti tokko maramee wal gahuu isaa agarsiisuu irraa kan madde fakkaata. Cufni immoo walakkeessaa fi bahatti fardii dhagahama. Jiraattotni bakka tokko (fakkeenyaaf ganda) irraa yoo bahee ykn walitti yaa’e man- cufa bahe jedhu.

Jechoota hedduu dhimma tokko ibsan:

Afaan Oromo keessatti jechootni waan tokko ibsuuf bifa garagaraa tiin itti fayyadamaman jiru. Warri kun guutuu Oromiyaa keessatti ballinaan beekamu. Haala qilleensa naanno, jireenya ummataa, qanno (ballina), rakko (dhiphina), gootummaa, sodaa wkf kan agarsiisan jechootni Afaan Oromo hiika waliigalaa tokko irraa maddan kumaatama. Fakeenyaaf jechootni ho’ina sadarkaa adda addaa agarsiisan jiru. Isaanis ho’aa, bulluqaa, gubaa, olotaa, danfaa … jedhamu. Ho’aan hangi ho’ina isaa xiqqaa yoo ta’u danfaan garuu bishaan aara baasuu agarsiisa (boiling point). Qabbana irrattis qabbanaa’aa, qorraa, diilalla, qabbajjaa’aa, adoodaa, cabbaa’aa… of keessaa qabu. Hiikni jechoota kanaa sadarkaa qabbanaa’uu (extent of temperature) agarsiisa. Qabbanaa’uun waan tokkoo (fakkenyaaf bishaan ykn qilleesni) sadarkaa xiqqaa irraa gara guddaatti ol ka’uu mullisa. Qabbana kan jedhu qabbanaa’uun waan sanaa xiqqaa ta’uu hubanna. Cabbaa’uu hoo jennu garuu sadarkaa cabbiin itti uumamu (freezing point) ta’uu mullisa. (Qezqazan waan akkasii qabaa?)

Haala ho’inaa fi qabbanaa irratti jechootni keenya baayyachuun tarii ummatni keenya lafti inni irra jiraatu, biyyi isaa Oromiyaan haala qilleensaa irraa-jalaa qabaachuu irraa kan madde fakkaata (Highly diverse eco-system). Gammoojjii olotaa irraa hanga baddaa cabbaa’aatti qilleensa garaagaraatu jira. Garaagarummaan qilleensaa kun ummatichi akka inni hundaafuu jecha kennuuf taasiseera ta’a.

Ummatni Oromo jireenya isaa keessatti gootummaatti amana (goota faarsa); nagaan jiraachuuf diina of irraa faccisuun dirqama waan iiti taateef. Sirbi isaa, walaloon, geerarsi, garmaamsi, shaggoyyeen, tirriin … kana agarsiisu. Ummatichi goota faarsa waan ta’eef sodaataa hin jaallatu. Sodaataa ni abaara; ni tuffata. Kana irraa kan ka’e jechootni sodaataa ibsan baayyee dha. Isaanis albaatii, daboora, daafura, lunna, sodaataa, xeellaa … faa dha.

Afaan tokko jechoota baayyee qabaachuun isaa wantoota guddina isaa mullisan keessaa isa guddicha. Jechootni immoo mala ittiin uumaman ni qabaatu. Afaan Ingilisii (English) akkaataa jechootni isaa itti uumaman wantoota mullisan 14 tu jiru. Akkaataa/mala Afaan Oromo ittiin uumame kan mullisan meeqa akka ta’an garuu ogeessi adda baase jiraa laata? Yoo hin jiru ta’e itti yaaduu hin qabnu? (Egaa jechoota dhimma tokko irratti hiika adda addaa qabaniin maal akka jennu mee walitti haa himnu. Inilisii dhaan thesaurus jedhama).

Afaan oromo baranee miti! Baranee jechuun waan barana ta’e/uumame, bara dheeraa kan hin dabarsin jechuu dha. Wantootni irranatti walitti himne marti Afaan Oromo baranee akka hin taane mullisu. Afaan Oromo tarii umrii gara ganna kuma jahaa oli qaba. Lakkoofsi baraa kan Gadaa (dha’aan) illee ganna kuma jahaa ol ta’uun ibsamaa jira. (Maddi ummata keenya walakkeessa bahaa (Middle East) naanno Misir ammaa ti jedhama. Araboonni acchi eega qubatanii gara ganna kuma tokkoo ti jedhama). Kana jechuun afaanichis isuma waliin dhufee har’a gahe jechuu dha. Afaan Oromo baranee miti; natoo dha; dilbii dha; buulessa; buleessas; mandiidaa dha; mandiyaa dha; sooressa!! Itti dhimminee baballifachuun immoo gahaa fi dirqama keenya. Daandii kanaan hanga tokko wal arguuf haa yaallu! Didhaa dalootni darbe nuun gahe haa baanu! Afaan Oromo guddicha ta’uu hubannee itti haa boonnu. Itti haa fayyadamnu. Kan ormaa kan ormaa ti; kan ofii ta’uu hin danda’u. Keenya gannee kan ormaa ol kaasuun immoo seenaa keessatti nu gaafachiisa. Keenya balleessuuf gumaachuu illee ni ta’a. Itti haa fayyadamnu; ittiin haa barreessinu!

Ammaaf haganuma; damma osoo mi’aawuu maragu!

Taddalaa Tafarraa tiin

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s