Ashamaa Akkam jirtuu?

Kallattii arfan irraan lammiileen koo martuu

Nagaan sin gaafadhaa ashamaa akkam jirtu?

Dur Oromoon akkasitti yommuu walitti dhufu

Safuufi aadaa liqimsa,malee akkifatee hin tufu,

Harka lamaan hiixatee haammatee wal dubbisa

Hidda godhadhu’ jedhee eebbisee wal guddisa

Hi’ jedha dhaloonni ammaa immoo quba lama ol qabee

Haammatee wal dubbifnaan hoo silaa maqaasaatu cabee

Otoo wal bira jiruu nyaara ijaan wal dubbisa

Gaafii immoo ceequun dha’ee gateettii wal buqqisa

Ani garuu ittuman jira safuu abbootii koo qaataa

Naanna’ee sin dubbisuuf hamma yeroo kootu xiqqaata

Achumatti sin haa ga’u nageenyi koo hatattamaa

Dhiiraafi dhalaan martinuu akkam jirtu ashamaa?

Warri marqaa garbuutiin furdattanii hin qabne qaqallaa

Warri Baalee Roobee,warri Arsii Asallaa

Warri itittuu malee hin dhugne baaduu qalloo,

Warri Nageellee Gujii,warri Yaa’aballoo

Warri Shawaa Fiichee,warri Dambi Doolloo

Warri laphee keessan irraa iddoo hin qabne jibbi

Warri gootaraatiin diinqa tuultan dilbii

Warri Wallisoo,warri gimbii

Otooma dhiibamtanii daangaa keessan bal’isee

Warri Eebbaafi jaalalaan waaqni seenaatti hambise

Warri Walloo, warri Kamisee

Warri cooma malee takkaa hin nyaanne shiroo

Warri Amboofi Adaamaa, darbees warri Ciroo

Warri buna qalaatiin addunyaa waamtan martuu

Warri Jimma Abbaa Jifaar, warri Iluu Abbaabor Mattuu

Warri beddeefi cumboodhaaf laagaan sin banamte

Warri Shaambuu,warri Naqamtee

Warri kuduraafi muduraatiin waakki tokko hin qabne

Warri Harar,warri Shaashamannee…

Abalu jedhee hin fixu ani warri Oromiyaa martuu

Anoo inuman isin yaadaa… akkamuma naaf jirtuu?

Lataa Qana’ii

Yuunivarsitii Finfinneetti

Barataa seeraa waggaa 3ffaa

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s