Lubbuu Daa’immanii Du’a Irraa Baraaruu!

Harmee,! warri ollaa keenyaa maaliif boo’uu?” jettee, Caaltuun haadha ishee gaafatte. Haati Caaltuu-Aadde Guddattuunis, “ Waan gaddaniif ta’uu danda’a “ jettee Caaltuuf deebiste. Haati Caaltuus, daa’ima ollaa ishee duute awwaalanii akka dhufan ilmoo ishee Caaltuutti himuu hin barbaadne. Yeroo abbaan manaa ishee sirna awwaalcharraa gara mana isaniitti galanis, Guddattuun yaada ishee dhiphise kana irratti abbaa … Continue reading Lubbuu Daa’immanii Du’a Irraa Baraaruu!

Huruursa Daa’immanii!

Aadaa Oromoo keessaa ijoollee hurursuun aadaa gaarii qabnu keessaa tokkodha.Huruursuun Sossobuu ykn Afaan Ingiliziitiin “lull”kan jedhamu waliin caalaa wal gitu danda’a. “Hush” inni jedhamu kun “usi”ykn “callisi” kan nuti jennu waliin wal gita. Ingilizootis ijoollee haala nuti sossobnuun ykn huruursinuun huruursu waan ta’eef dhimma kana irratti aadaa walfakkaatu qabna jechuu dandeenya.Aadaan keenya kun utuu hin … Continue reading Huruursa Daa’immanii!

Harma Haadhaa!

Hayyooti fayyaa daa’imaanii akka jedhanitti, daa’imni dhalatanii hanga ji’a ja’aatti harma haadhaa malee nyaati gara biraa akka isaan hin barbaachisne gorsu. Kun dhugaa saayinsii fayyaadhaan mirkanaa’edha:- Harmi haadhaa wanta guddinaa fi jabina daa’imaaf barbaachisu mara of keessa qaba. Nyaanni gara biraa daa’imaaf gaarii ta’e hin jiru.Harma hoosisuun kan caalu hin jiru. Harma hoosisuun daa’imman irraa … Continue reading Harma Haadhaa!

Hayyoonni Maal Jedhuu?

Jaallatamtoota dubbistoota barruu keenya SiifSiin! Bakka jirtan maratti nagaan koo isin haa qaqqabdu. SiifSiin maxxansawwan darban keessatti qooda fudhannaa kootiin waan wal barree natti fakkaata. Ammas SiifSiin jildii 8 kana irratti dubbii hayyoonni addunyaa bebbeekamoo dubbatan keessaa muraasa akka armaan gadiittan isiniif dhi'eessa. Akka isin irraa barattan nan abdadha. Dubbisa gaariin isiniif hawwa. Maartiin Luuter … Continue reading Hayyoonni Maal Jedhuu?

Gaaffiwwan sadan!

Mootiin gaaf-tokko namni gaaffiiwwan sadan kanaaf deebii gahaa ta’e naaf kennuu danda’u sababa kamiin illee yoo himatamee mana isaa fi qabeenya isa irraa ariyatamee jooraa hin ta’u. Itti dabalees, badhaasa guddaa na biraa argata jedhee guutummaa biyya isaa keessatti beeksisa baase. Gaaffiwwan isaas:-Waan hundumaa hojjechuuf yeroo mijataan kami? Namoonni waliin hojjechuuf baay’ee barbaachisoo ta’an eenyu … Continue reading Gaaffiwwan sadan!

Gumaan Maali?

Ummanni Oromoo tooftaalee aadaa walitti bu’insa uumaman ittiin furuufi seera kabachiisu hedduu ni qaba. Namoota lama, maatii, gosa lama, sabaafi sablammoota olla ummata Oromoofi wkk. Gidduutti wal dhabinsa ykn walitti bu’insa uumamu aadaa araaraa maanguddoo hawaasaa Oromootiin kan furamanidha.Wal dhabdeen bifa akkanaatiin uumamu kun jabaatee gara qaama hir’isuu ykn lubbuu baasuutti kan cee’u yoo ta’e … Continue reading Gumaan Maali?

Alfred Noobelii fi Bu’aa inni addunyaa kanaaf buuse!

Waa’ee badhaasa Noobeelii sadarkaa adduunyaa irratti waggaa waggaadhaan kennamu beektuu? Badhaasi Noobeelii sadarkaa adduunyaa irraatti Saayinsii Fiiziiksii, Keemistirii, Fiziyolojii (waldhaansa fayyaa) Dinagdee fi Nagaa buusuudhaan adduunyaa keenyaaf namoota gumaachaa olaanaa galmeessisaniif kennamudha.Iddoon badhaasi kun itti kennamu biyya Siwidinii magaalaa Isitookholmii fi biyya Norweey magaalaa Osloo keessatti. Kaayyoon barreefama kanaa seenaa ka’umsa badhaasa Nobelii fi namni … Continue reading Alfred Noobelii fi Bu’aa inni addunyaa kanaaf buuse!

Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Namni sadarkaa jireenyaa adda addaa keessa akka darbu nama hundumaaf ifaadha. Yeroo sadarkaa jireenyaa kana keessa darbus ilaalcha inni ittiin wantoota isa quunnaman ilaalu, ilaalcha adda addaa ta’a jedheen yaada. Kana malees ilaalcha isaanii keessatti mul’ata ittiin waa ilaalanii adda baafatan namootni hin qabnes baayi’een jiru. Kanaaf yeroo hedduu namootni akka kanaa ni ilaalu malee … Continue reading Akkaataan Ilaalchaa Akkaataa Jireenyaaf Murteessadha!

Joorsee

Joorseen utuu gargaarsa hin dhabin haala kashalabbummaa isaa irraa kan ka’e barumsa isaa kutaa saddeet irratti dhiisee warra isaa jalaa badee magaalaa Finfinnee keessa hojii hanna irratti bobba’ee jiraata. Magaalaa Finfinnee gabaa ganda Agamsaa (Markaatoo) ,Malkaa Daabbuus (naannoo irraangadee karaa Charchil) Roobii (Nafaas silkii) Baddaa Ejersaa (Raas Kaasaa) Birbirsa Gooroo (Piyaassaa) jedhamanii fi walumaa galatti … Continue reading Joorsee