Adeemsi seera tumaa sirna Gadaa keessatti seeraafi dambii mataa isaa qaba. Sirna gadaa Oromoo keessatti adeemsi seera tumaa adeemsa hirmaannaa uummata baldhaatti kan amanuufi kan ittiin raawwatudha. Akka seera Gadaatti namni kamiyyuu kan umuriinsaa eyyamu hunuu adeemsa seera tumaa irratti argamuuf mirga qofa osoo hin taane, dirqama sabummaas qaba. Adeemsa seera tumaa kanarrattis namni hunduu … Continue reading Adeemsa Seera Tumaa
Biyyaa papua New Guinea, Afaanota 820Biyyaa Indooneziya, Afaan 742Biyyaa Nijeeriyaa, Afaan 516Biyyaa Indiyaa Afaan 427Biyyaa Ameerikaa, Afaan 311Biyyaa Meksikoo,Afaan 297Biyyaa Kaameruun, Afaan 280Biyyaa Awusteraliya, Afaan 275Biyyaa Chaayinaa, Afaan 241Biyyaa Kongoo, Afaan 216Biyya Biraazil , Afaan 200Biyyaa Philipinsii, Afaan 180Biyya Maleziyaa , Afaan 147Biyyaa Kanadaa, Afaan 145Biyyaa sudaan, Afaan 134
Koroonaa vaayiraasii mata nu yaabuu feeti. Of eguu ni dandeenya sodaa hin barbaachisuu.Ittisa koroonaadhaf gorsaa oggeessa haa dhageenyu. Yeroon kun ni dabartii hin dabarrtuu hin se'iina.Wareegama qaalii hacuccaa bara hedduu.Qilleensarraa hin dhufne tolaatis as hin geenye.Salphoon seenaa hin beekne koroonaa vaayiraasii,Har'aa dhiiraa nut taati. Utumaa dhaga'anii gorsa ogeessa fayyaa.Innoo gurraachaa hin miidhu jedhani walitti qoosuu.Waaqayyoo nu … Continue reading Koroonan Ulfina hinbeektu
Tokkumaan Hummna! Gaaddisa Odaa jala gadi teenyee Yoo wal-hubannee wal dhagenyee Yoo wal jalaa kaafne dhagaa Yoo waliif yaadne nagaa Tokkummaan wal qabannee Yoo walii wajjiin dhaabbanne Kattaan gaaraa yoo dhodho’e Cabbiin roobee yoo lola’e Buubbeen kaabaas haa bubbisu Nu hin sochoosu nu hin buqqisu! Gammchuu G. kan barreeffame
Qawween koo boraatiin koo Kan rasaasa liqimsu Yaada garaa koo keessaa Danda’ee naaf hin ibsu Rasaasa itti guuttadhee Gaafan banu cancala Biyyi'o gurra qabtee Fiigee lixa daggalaa Wal caccabsee gulufa Wanta qabu harcaasee Qawween nageenya hin fidu Nagaa dhahee mancaasee Allaattiin waaqarra kaattu Bineensi bosona kessaa Sagalee qawwee kootii Hin jaallatu ni dheessa Ati garuu … Continue reading Qubee Koo
Babarreedu Oromoo Utuu naaf hindhagayin Firrikoo gamaanaa fi gamaa Bakka rakkoo kiyyaatti Situ dursee argama Aantiidhaafi obbolaa koo Dursitee natti siqxa Caba koo naaf dhidhiibdee Dhiiga koo narraa dhiqxa Kaasuu keetti na fuutee Qabdee lafaa na kaasta Dugda keetti na baattee Bowwaa keessaa na baafta Gaafa guyyaaa gammaachuu Wajjiniin nyaannee kolfaa Gaafa guyyaa dhiphinaa Kan … Continue reading Sin Jaalladha Hiriyaa koo
Dugugaatii alkolii dhugee Ani hin qabu machii Gitiintiree achumaa Dhiitaa hin oolu dachii. Humna asii gadii horde Lafa qabsiisee luka Dhaabaacha hin oolu anoo Akka dhagaafi mukaa Ofii kiyyaas jijjiramee Akkaa ani jijjirreef biyya Sagalee hammeenya keetu Sammuu koo keessaa iyya Qootisa bulleeffame Akkan gadi dhidhiitu Achumarra na oofta Lafti dhiitee bariitu Gammachuu G. kan … Continue reading Hindeemu
Ji’a sadiif sitti tolee Yommuu hutee daraartu Waqtiin bonaa yoo ga’u Maaliif ofii hin baraartu? Ofiifuu gaaddisa hin taane Maaltu sitti baqata? Kanaaf namni si afrgu Buqqisee si darbata. Caakkaadhaafi buulloo GHaddisa shifiifi mixii Lafa kiyya irraa ka’i Qotuun koo sii’if miti. Ilbiisni umurii hin qqabnetu Jala kan kee daaddisa Bareedina bifaa malee Taatee hin … Continue reading Keelloo
Kan wal kajeelu Afaan hin qajeelu Akaayin bara beela firaan adda nama baafti Jaalachaa oolaniis intala haadhaa hin fuudhan Harka goowwaatin boolla jawwee safaru. Haadhaatu du'e jedhani ilmoo bofaa wajjiin bo'icha hin ta'an -abaarsi goowwaa eeboon qixa
Aaa... jette kaatee Na barsiftee qubee Harka kan koo qabde Na qabsiiftee kobbee Tokko lama jettee Natti himtee lakkoobsa Har'a akkamittan Olmaa kankee dhoksa Amala koo hin mijanne Jeeqaa dadhabsiisaa Hundaa naaf dandeesse Gorsaa, na barsiisaa Akkan nama ta'uuf Sammuu koo naa qarte Daandii koo dukkanoftu Bekumsaan ibsite. ....safuuu yaa barsiisaa.